Qormaanni barumsa olaanaadhaa ittiin bahamu Waxabajjii dhufu yeroo walfakkataatti ni kennama-ministeera barnootaa

159

Sadaasa 30/2015(TOI)---Qormaanni barumsa olaanaarraa ittiin bahamu  eebbifamtoota Yunivarsiitiiwwan hundaatti argamaniif baatii Waxabajjii dhufu yeroo walfakkaataatti akka kennamu munisteerri barnootaa beeksise.

Qormaanni kun barattoota yunivarsiitii mootummaa fi dhuunfaa hundarraa eebbifaman kuma 200f karaa onlaayinii akka kennamu himameera.

Ministeerichatti hojii raawwachiisaan adeemsa dhimmoota akkaadaamii barnootaa doktar Eebbaa Miijanaa woorkishooppii dhimma kanaaf qophaa’erratti akka jedhanitti, qorumsi yuunivarsiitiirraa ittiin bahamu baatii Waxabajjii dhufu eebbifamtoota idilee duraaf al tokkotti ni kennama.

Qormaanni jalqabaa baatii Waxabajjii erga kennamee booda qormaanni ittiin bahamu kan itti aanu baatii 6 booda akka kennamu doktar eebbaan himaniiru.

Itti gaafatamaan deeskii ga’umsa qulqullinaa barnoota olaanaa ob. Sayid Mahaammad gmasaaniitiin, qormaanni kun barattoota hundaaf karaa onlaayinii akka kennamu eeranii, kunis hanna qormaataa ittisuuf filannoo gaarii waan ta’eefi jedhaniiru.

Dhaabbileen barnoota olaanaas ta’e barattoonni qorataman qormaatichi al tokkotti karaa onlaayinii akka kennamu beekanii gamanumaa qophii akka taasisan ob. Sayid hubachiisaniiru.

Workishooppii kanaan barsiisonni dhimmi ilaalu hundi argamuusaanii odeeffannoon ministeericharraa argame ni agarsiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015