Godina Geede'oorraa bara oomishaa kana Bunni tooniin kuma 32 gabaa jiddugaleessaaf ni dhihaata

154

Sadaasa 30/2015(TOI) - Godina Geede'oorraa bara oomishaa kana Buna toonii kuma 32 gabaa jiddugaleessaaf dhiheesuuf hojjetamaa jira jedhame.

Itti gaafatamaan qajeelcha qonnaa Godinichaa doktar Zinaabuu Waldee TOItti akka himanitti bara bajataa kana Buna asheetaafi gogaa toonii kuma 135 walitti qabuuf karoorfamee hojjetamaa jira.

Godinichatti qonnaan bultoonni kuma 150 lafa heektaara kuma 74 irratti hojii oomisha Bunaa hojjechaa jiraachus himaniiru.

Haala oomishinni bunaa gahe karaa seera qabeessaafi sirrii ta'een walitti qabamee qonnaan bultoonni irraa fayyadamoo ta'anirratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Keessaayyu qisaasama oomishaa ambisuufi haala gabaa ammayyeessuun caalaatti qonnaan bultoonni bu'aa dhamaatii isaanii akka argataniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Kanaafis industiriiwaan 202 buna asheeta falfalaa jiraachuu himaniiru.Buna walitti qabamaa jiru kana keessaa toonii kuma 32 gabaa jiddugaleessaaf dhiheessuuf hojjetamaa jiraachuu doktar Zinaabuun eeraniiru.

Godinichatti qonnaan bultoonni 689 buna kallattin gabaa jiddugaleessaatti erguuf heeyyama fudhachuus himaniiru.

Hirmaannaan qonnaan bultoonni gabaa bunaa keessatti qaban cimaa waan dhufeef qonnaan bultoonni tokko tokkoo jiddugaleessaan hanga birrii miliyoona 4 buna oomishan irraa argachaa jiru jedhaniiru.

Bara darbe buna asheetaafi gogaa toonii kuma 110 walitti qabuun kan danda'ame ta'uu himanii, kana keessaa buna toonii kuma 25 fi 149 gabaa jiddugaleessaaf dhiheessuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015