Hawaasni Musliimaa yaalii mootummaan malaammaltummaa ittisuuf eegale human qabuun akka deeggaru waamichi taasifame - ENA Afaan Oromoo
Hawaasni Musliimaa yaalii mootummaan malaammaltummaa ittisuuf eegale human qabuun akka deeggaru waamichi taasifame
Sadaasa 29/2015(TOI)---Yaalii malaammaltummaa ittisuuf mootummaan taasisaa jiru hawaasni musliimaa human qabuun akka deeggaru manni marii waliigalaa islaamummaa Finfinnee waamicha dhiheesse.
Guyyaa solaata Juma’aa boruu badii yakka malaammaltummaa ilaalchisuun manneen barnootaa masjiidaatti(Huxbaa) kan kennamu ta’uu eerameera.
Pirezidaantiin mana marii waliigalaa dhimmoota Islaamummaa Finfinnee Sheeh Sulxaan Hajji Amaan dhimmicharratti ibsa kennaniiru.
Ibsa kanaanis akkaataa bariisa Islaamummaatti malaammaltummaan nama kennuufis nama fudhatuufis yakka guddaa, uumaa(Allaah) birattis kan nama gaafachiisu ta’uu ibsaniiru.
Qabeenyi karaa malaammaltummaa argamu barakaa kan hinqabne, gammachuu kan namaa hinkenninee fi uumaa birattis baay’ee jibbamaa ta’uu ibsanii, amantaa keenyaan jibbamaa(Haraama) kan ta’ee fi yakka nu gaafachiisu qolachuun haqaa fi hojii gaariif waliin dhaabachaa qabna jedhaniiru.
Yaalii malaammaltummaa ittisduuf mootummaan taasisaa jiru hawaasni musliimaa human qabuun balaaleffachuu qaba jedhaniiru.
Gochi malaammaltummaa fi hannaa dhaloota amala gaarii qabu ijaarruuf qormaata, biyyaaf kufaatii ta’uu dubbataniiru.
Barreessaan olaanaa mana marii walii gala Sheeh Huseen Bashir gamasaaniitiin, yaalii malaammaltummaa ittisuuf mootummaan jalqabe deeggaruuf karaa mana marichaa qophiin taasifamee hojiin jalqabameera jedhaniiru.
Hojiiwwan kanneen keessaa tokko barsiisuun lammii amala gaarii qabu horachuu waan ta’eef masjiidottafi carraalee birootiin hawaasni musliimaa badii yakka kanaa barsiisaa jira jechuuneeraniiru.
Kanaaf solaata Juma’aa boruutiin fFinfinnee Masjiidota hundatti amantoonni Imaamonni dhimmicharratti barumsa (Huxbaa) ni taasisu jedhaniiru.
Fuulduras Imaamota masjiidaa fi barsiisota mana barumsaa diinii (Madrasaa) leenjii ni kennu jedhaniiru.