Walga’iin gamtaa ajajoota poolisii Afriikaa bahaa 24ffaa adeemsifamaa jira

74

Sadaasa 29/2015(TOI)--- Walga’iin gamtaa ajajoota poolisii Afriikaa bahaa 24ffaa galma walga’ii gamtaa Afriikaatti adeemsifamaa jira.

Galteen walga’ii guyyoota darban Itiyoophiyaatti adeemsifamaa turerraa riijinichaaf faayidaa olaanaa akka qabu eerameera.

Walga’iin kun turtiisaatiin yakka shororkeessaa, namootaa fi meeshaa seeraan ala deddeebisuu, baala sammuu hadoochuu fiyakkoota daangaa cehan ilaalchisuun mari’achaa akka ture ibsameera.

Guyyaa har’aas gamtaa kana gaggeessuuf Itiyoophiyaan kaadhimamaa ta’uun kan fudhattu yooo ta’u, waggaa tokkoof komishinar jeneraalaa poolisii federaalaa Itiyoophiyaa Dammallaash Gabramikaa’el akka gaggeessan ni eegama.

Pirezidaantiin RDFI Saahilawarq Zawudee, pirezidaantiin RDFI duraanii doktar Mulaatuu Tashoomaa, komishinar jeneraaliin poolisii RDFI  dammallaash Gabramikaa’el, itti gaafatamtoonni intarpoolii riijinichaa, ajajoonni poolisii fi quunnamsiiftonni dhaabbata poolisii biyyoota Afriikaa bahaa xumura sagantaa kanaarratti argamaniiru.

Walga’iin walii gala kan waggaa gamtaa ajajoota poolisii Afriikaa bahaa 23ffaan rippaabiliika demokiraatiik Koongoo/Kiinsahaasaatti adeemsifamuun ni yaadatama.

Itiyoophiyaan walga’ii kana kan keessummeessitu al lammaffaafidha.

Teessoon isaa Naayiroobii/Keeniyaa kan ta’e gamtaan kun walta’iinsa dhaabbilee biyyoota Afriikaa bahaatti seera kabachiisan cimsuuf, waljijjiirraa odeeffannoo gabbisuuf, tarsiimoo waloo wixinuu fi riijinichatti nageenya buusuuf keessumaa yakkoota daandaa cehan waliin qolachuuf galma godhatee akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1998Ugaandaa Kaampaalaatti hundaa’uunsaa ni yaadatama.

Gamtaan kun biyyoota 14 miseesummaa kan qabate yoo ta’u, isaanis Itiyoophiyaa dabalatee Keeniyaa, Sudaan, Sudaan Kibbaa, demokiraatiik rippaabiliik Koongoo,Jibutii, Somaaliyaa, Siisheels, Ruwaandaa, Ertiraa, Ugaandaa, Taanzaaniyaa, Koomooroos fiBurundiidha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015