Qajeelfamoonni mirga namoomaa idil addunyaa akka karaa qajeeltoo hojiirra oolaniif qindoomina qaamolee qooda fudhatootaa cimsuun barbaachisaadha jedhame

73

Sadaasa 29/2015(TOI) - Qajeelfamoonni mirga namoomaa idil addunyaa Itoophiyaan fudhatte akka karaa qajeeltoo hojiirra oolaniif qindoomina qaamolee qooda fudhatootaa cimsuun barbaachisaadha jedhame.

Guyyaan mirgoota namoomaa idil addunyaa mata duree '' Dhalli namaa hundi Bilisummaa, walqixummaafi kabajaan jiraachuuf mirga qaba'' jedhuun kabajamaa jira.

Guyyicha Ministeera Haqaa, Poolisii Federaalaa, Manneen amala sirreessaa Federaalaafi Manni murtii Federaa waliin kabajaniiru.

Kabajaa kanarratti itti aanaa Pirezidaanitii mana murtii Federaala Salamoon Araddaa dabalatee hoggantoonniifi bakka buutonni dhaabbilee haqaa hirmaataniiru.

Sagantaa kanarratti ergaa kan dabarsa itti aanaan Pirezidaanitii Mana murtii Federaalaa obbo Salamoon Araddaa qajeelfamoonni mirgoota namoomaa idil addunyaa karaa sirrii ta'een hojiirra akka oolaniif adeemsi qindoomina qaamolee qooda fudhatootaa cimuu qaba jedhaniiru.

Itoophiyaatti dhiittaa mirgoota namoomaa ittisuuf kan dandeesisu seeroonni bahaanii kan jiran ta'uu himanii keessayyuu seeroota mirga namoomaa idil addunyaa waliin walsimsiisuun hojjechuuf yaaliin taasifamaa jiraachuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015