Hojii nageenya kabachiisuu cimsee kan itti fufu ta’uu poolisiin magaalaa Finfinnee beeksise

95

Hojii nageenya kabachiisuu cimsee kan itti fufu ta’uu poolisiin magaalaa Finfinnee beeksise

Sadaasa 29/2015 (TOI)- Hojii nageenya kabachiisuu cimsee kan itti fufu ta’uu poolisiin magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Qaamolee nageenya wareegama qaamolee nageenyaafi qindoomina uummataan dhufe duubatti deebisuuf socho’an irratti tarkaanfii nageenya kabachiisuu fudhachaa jiru cimsee kan itti fufu ta’uu poolisiin magaalichaa eereera.

Waggoottan muraasa darbanitti magaalittiin yaaddoo nageenyaa malee lammiileen nagaan ba’anii nagaan akka galaniif wareegamni qaamoleen nageenyaa kaffalaniifi hirmaannaan uummataa bu’uura cimaa ta’uu ibsameera.

Humnoonni farreen nageenyaa jijjiiramaan booda boora’uu nageenyaa biyyattiitti mudate akka carraa gaariitti fayyadamuun magaalittii naannawaa jeequmsaa taasisuuf karoorfatanii socho’aa turuufi yakka qindaa’aarraa eegalee hanga haleellaa cimaa geessisuuf hanga danda’an yaalii taasisaa turuu yaafachiifameera.

Hojii nageenya magaalittii kabachiisuu cimsee kan itti fufu ta’uu eeruun, hawaasni ijoollee isaa gorsuurra darbee namoota farra nageenyaa ta’an saaxiluun humna nageenyaaf kennuun deeggarsa akka taasisu gaafateera.

Hawaasni gama toora bilbilaa 011-1-11-01-11fi bilbila bilisaa 991 irratti bilbiluun tajaajila poolisii f akkasumas eeruu kennuu kan danda’u ta’uu poolisiin magaalichaa beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015