Naannoo Oromiyaatti waggaa tokko keessatti birriin biliyoona tokkoo ol kan ittiin walitti qabame Waancaa Hidha Haaromsa Itoophiyaa naannoon Sidaamaa harkaa fuudhe

67

Sadaasa 29/2015(TOI) - Naannoo Oromiyaatti waggaa tokko keessatti birriin biliyoona tokkoofi miliyoonaa 50 kan ittiin walitti qabame Waancaa Hidha Haaromsa Itoophiyaa naannoon Sidaamaa harkaa fuudhe.

Guyyaan saboota, sablamootaafi Uummatoota Itoophiyaa bara kanaa naannoo Sidaamaa magaalaa Hawaasaatti bakka Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad, Itti aanaa Ministira Muummeefi Ministirri dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokonniin fi Af-yaa'iiwwan mana maree Federeeshiniifi mana maree bakka bu'oota uummataa akkasuma pirezidaantonni naannolee argamanitti kabajameera.

Sirna kabaja ayyaana guyyaa saboota, sabalamootaafi uummatoota Itoophiyaa kanarratti waancaan hidha haaromsaa Guddicha Itoophiyaa waggaa tokkoof naannoo Oromiyaa ture naannoon Sidaamaa ifatti fudhateera.

Waancicha walitti qabaan mana maree qindeessaa hirmaannaa uummataa Hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaa itti aanaa ministira Muummeefi Ministira dhimma alaa obbo Dammaqaa Mokonniin pirezidaanitii naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abidiisaa irraa fuudhanii Pirezidaantii naannoo Sidaamaa obbo Dastaa Lendaamootti dabarsanii laataniiru.

Sirna kanarratti akka himametti Waancaan kun waggaa tokko yeroo Oromiyaa turetti deeggarsa ijaarsa hidhichaaf kan oolu hawaasni naannichaa birrii biliyoona tokkoofi miliyoona 50 walitti qabeera.

Waancaan kun naannoo Sidaamaas waggaa tokkoof kan turu yoo ta'u ijaarsa hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaaf deeggarsa walitti qabaa kan turu ta'uun himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015