Ijaarsa biyya cimaa uumuu keessatti Sabadaneesummaa kan hammatuufi keessummeessu Sirni Federaalaa barbaachisaadha - Obbo Aganyoowu Tashaagar

88

Sadaasa 29/2015(TO) - Sirna Federaalaa sabdaneesummaa hammatu ijaaruuf hojiin jalqabame cimee karaa qindaa'aa ta'een cimee itti fufuu akka qabu Af-yaa'iin Mana Maree Federeeshinii obboo Aganyoowu Tashaagar himan.

Guyyaan saboota, sablamootaafi Uummatoota Itoophiyaa 17ffaan bakka ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad dabalatee hoggantoonni mootummaa biroon argamanitti magaalaa Hawaasaatti kabajamaa jira.

Af-yaa'ichi sirna kanarratti ergaa dabarsaniin ijaarsa biyya cimtuu uumuuf hojjetamu milkeessuuf Sabadaneesummaa kan hammatuufi keessummeessu Sirni Federaalaa barbaachisaadha jedhaniiru.

Kanaan dura sirna sabdaneesuummaa sirritti keessummeesuu ijaaruu dadhabuun waldhabdeewwaan adda addaa akka uumaman sababa ta'aniiru jedhaniiru.

Rakkoo kana furuuf mootummaan waggoota arfan darban mootummaan Federaalizimiin dhugaa hojiirra oolchuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Kanaafis haala kanaan kabajamaa kan jiru guyyaan saboota, sablamootaafi uummatoota Itoophiyaa gahee olaanaa kan qabu ta'uu himanii, hojiin kun haaluma kanaan cimee kan itti fufu ta'a jedhaniiru.

Hayyoonni, ogeeyyoonniifi miidiyaaleen badhaadhina hawinu milkeessuuf hojii jalqabame cimsuun harka walqabannee jabaannee hojjechuu qabna jechuun dhaamaniiru.

Kannen kabajin guyyaa kanaa akka milkaa'uuf gahee isaanii bahan hundaa galateeffataniiru.


Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015