Guyyaa saboota sablammootaa fi ummattoota Itiyoophiyaa 17ffaa ministirri muummee doktar Abiyyi Ahmad bakka argamanitii kabajamaa jira

102

Sadaasa 29/2015 (TOI)--- Guyyaa saboota sablammootaa fi ummattoota Itiyoophiyaa 17ffaa ministirri muummee doktar Abiyyi Ahmad bakka argamanitii kabajamaa jira.

Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahmad, giiftii duree Zinnaash Taayyaachoo, itti aanaa ministira muummee fi ministirri dhimma alaa Ob. Dammaqaa Mokonnon, af yaa’iin mana marii federeeshiniiob. Aganyoo Tashaagar dabalatee pirezidaantonni naannolee, kantiibonnii, miseensonni koree raawwachiiftuu paartii badhaadhinaa  ayyaana kanarratti argamaniiru.

Bakka bu’oonni saboota sablammootaa, abbootiin amantaa fi bakka bu’oonni waldaalee siviikii ayyanicharratti hirmaachaa jiru.

Daa’immanii fi dargaggoonni agarsiisa addaddaa dhiheessaa kan jiran yoo ta’u, baandiin maarchii raayyaa ittisaa yadaloowwan addaddaa dhiheessaa jiru.

Guyyaan sabootaa sablammootaa fi ummattootaa itiyoophiyaa 17ffaa qopheessummaa naannoo Sidaamaatiin Istaadiyeemii idil addunyaa Hawaasaatti kabajamaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015