Ibsa Biiroo Komunikeeshinii Oromiyaa irraa kenname

194

Duudhaalee Federaalizimii Sabdaneessaa idileessuun galmoota badhaadhinaa milkeessuuf murteessaadha!

Itoophiyaan biyya Saboota, Sablammootaafi Ummattoota hedduu Gaanfa Afrikaati. Lammileen Itoophiyaa biyya isaanii wareegamaan tiksanii har’aan ga’an keessatti mirga ofiin of bulchuu gonfatan jalattti afaan, aadaafi seenaan isaanii dhugaan mirkanaa’eefii arguu barbaadu. Kun ammoo sirna federaalizimii sabdaneessaa diimokiraasiin utubame hojii irra oolchuu qofaan mirkanaa'a.

Sirni Federaalizimii sab-daneessaa duudhaalee Af-daneessummaa, Aad-daneessummaa, seen-daneessummaa, heddumina amantaa, danummaa ilaalchaafi yaadiddamaafi kanneen kana fakkaatan of keessatti hammata. Ta’us garuu duudhaaleen kunneen sirnaawuu dhabuun biyya keenya jeeqama siyaasaafi gaagama diinagdeef saaxilee ture.

Sirni wal qixxummaa sabootaafi sab lammootaa kabaju akka hundaahuuf qabsoo barattoonniifi qonnaan bultoonni taasisaniin sirni mootii kufus, sirni Dargii aangoo jiddu galeessaa qabate gaaffii lafaa deebisuuf yaalus gaaffii dimokiraasiifi walqixxummaa sabootaa deebisuu hin dandeenye.

Kunis qabsoon lammilee Itoophiyaa akka itti fufuuf balbala saaqe. Qabsoo taasifameenis sirni Dargii aangoo irraa darbatamuun guyyaan Heerri Mootummaa FDRI itti raggaasifame Sadaasni 29/1987 waggaa waggaan kabajamuu eegale.Qabsoo wal qixxummaafi hiree ofii ofiin murteeffachuuf uummanni biyya keenyaa taasiseen kufaatii mootummaa Dargii booda kan hundaa’e sirna ADWUI jalattis gaaffin dimokiraasii fi Walqixxummaa Sabootaa heera mootummaa keessatti haa barreeffamu malee dimokiraasii dhugaa irratti waan hin ijaaramneef fincila yeroo adda addaa keessummeessuun burkutaa’ee hoggansi haaromsaa akka dhalatuuf sababa ta’eera.

Injifannoo qabsoo ummataan argame dimokiraasii dhugaa dabaaluun biyya jabduu sirna jabaa qabdu ijaaruu galma kan godhate hoggansi jijjiiramaa, gaaffii uummataa kudhaammatee, giddu seentummaa tokko malee naannooleen ofiin akka of bulchan taasisuu bira darbee gaaffii uummanni barootaaf gaafachaa turan, garuummoo deebii dhaban deebisuun naannoleen haaraan bu'uura heera mootummaan akka hundeeffaman ta’ee jira.

Kunis federaaliziimii sabdaneessiifi dimokiraasii dhugaan hojii irra oolaa jiraachuu kan mirkaneessedha. Gaaffii bule hunda deebifnee biyya hunda keenyaaf taatu ijaaraa jirruuf sirni Federaalizimii sabdaneessi murteessaa ta'uu akeeka. Waan ta'eef Guyyaa Heerri Mootummaa RDFI itti ragga'e kabajna.

Lammileen Itoophiyaas dibaabee biyyaalessaa jalatti tokkummaafi walitti dhufeenya jidduu isaanii jiru guyyaa itti calaqqisiisanidha. Mootummaanis mirga heerri mootummaa isaan gonfachiise osoo hin sharafamin Saboonni, Sablammoonnifi Ummattoonni akka itti fayyadamaniif xiyyeeffannoodhaan hojjechaa jira.

Guyyaan Saboota, Sablammootaa fi Ummattoota Itoophiyaa marsaa 17ffaaf bara kana mata duree "Tokkummaa Sabdaneessa Nageenya Waaraaf" jedhuun kabajamus imala jijjiiramaa jalqabneef bu’ura cimaa kan kaa’udha. Guyyaan saboota, Sablammootaa fi Uummattoota Itoophiyaa kabajamuus obbolummaafi tokkummaa jiru daran cimsuu bira darbee ilaalcha biyyaalessummaa ijaaruu keessatti taatee angafummaan gumaacha taasisedha.

Kana malees, agarsiifni aadaa, duudhaa fi safuu dirree tokko irratti taasifamu kun wal dinqisiifachuu, jaalala ture daran itichuufi muuxxannoo wal jijjiiruu keessatti walitti hidhaminsi gaariin akka uumamu taasiseera.

Kanaanis eenyummaa dhugaan Itoophiyaanotaa kun dirree tokko irratti tokkummaan miidhagee yoo mul’atu Ummata Addunyaa biratti maqaa gaarii biyya keenya ol kaasee kan mul’isuu fi tuuristoota hawwachuun utubaa dinagdees ta’ee jira.

Kana waan ta'eef kabajamoo uummata Oromoo fi Sabaafi Sablammoonni Itoophiyaa hundi baga guyyaa injifannoo birmadummaa keessanii geessan jechuu feena. Mirgi ofiin of bulchuu, afaan ofii guddisuu, aadaa dagaagsuufi seenaa ofii kunuunsuun bu’aa injifannoo guyyaa sabootaa, sablammootaafi Uummattootaan argamedha.

Guyyaa injifannoo kana wayiita kabajnus gufuuwwan imala jijjiiramaa maqsaa, duudhaa sirna federaalizimii sabdaneessaa dagaagsaa deemuun akkaan barbaachisaadha.Imala Badhaadhinaa eegalame milkeessuun biyya hundaan hundaaf ijaaramaa jirtu keessatti gumaacha keenya haa taasifnu, dirqama keenya haa baanu!

Biiroo Komunikeeshinii Oromiyaa

Sadaasa 2015

Finfinnee

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015