Naannoo Oromiyaatti bona kana sulula kuma 6 fi 448 irratti hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii ni hojjetama-Biiroo

101

Sadaasa  28 bara  2015(TOI)---Bona kana naannoo Oromiyaatti lafa heektaara miiliyoona 3 tuqaa 2 kan uwwisu sululoota kuma 6 fi 448 irratti hojiiwwan eegumsa biyyee fi bishaanii akka hojjetamu biiroon qonnaa naannichaa beeksise.

Biiroon kun ogeessota eegumsa qabeenya uumamaa naannichatti argamaniif leenjii misooma laggeenii irratti xiyyeeffate har’a kennuu eegaleera.

Itti gaafatamaan biiroo qonnaa Oromiyaa ob. Geetuu Gammachuu baniinsa leenjii kanaa irratti argamuun akka ibsanitti, waggoota darban hojiiwwan misooma sululaa naannichatti hojjetamaniin bu’aan gaariin argameera.

Keessumaa omishaa fi omishtummaa  guddisuun wabii nyaataa mirkaneessuun cinaatti hojiiwwan misooma sululaashoora  olaanaa akka gumaachan himaniiru.

Dandeettii omishtummaa lafaa caalaatti gabbisuuf hojiin misooma sululss murteessaa waan ta’eef hojiiwwan eegumsa biyyoo fi bishaanii jalqabaman cimanii akka itti fufan biiroon qonnaa xiyyeeffatee akka hojjetu hubachiisaniiru.

Itti aanaan itti gaafatamaa biiroo qonnaa fi qindeessaan eegumsa qabeenya uumamaa fi wabii nyaataa ob. Eliyaas Kadir gamasaaniitiin “bona kana naannichatti sululoota kuma 6 fi 448 irratti hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii ni hojjetama”.

Haala kanaan lafa heektaara miiliyoona 3 fi tuqaa 2 ol ta’urratti hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii ni hojjetama jedhaniiru.

Namoonni miiliyoona 8 tuqaa 2 ta’an akka irratti hirmaatanis ob. Eliyaas dubbataniiru.

Leenjii ogeeyyotaa marsaa jalqabaa har’a dabalatee guyyoota walitti aanan 18f  yunivarsiitii Haroomayaatti kennamurratti  ogeeyyonni eegumsa qabeenya uumamaa godina naannichaa 7 irraa walitti baba’an 775 hirmaataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015