Itoophiyaan Waliigaltee Humnoonni waraanaa fi Siiviilii Sudaan mallatteessan kan dinqisiifattu ta’uu ibsite

64

Sadaasa 27/2015 (TOI) – Mootummaan Itoophiyaa Waliigaltee bu’uura Siyaasaa Humnoonni waraanaa fi Siiviilii Sudaan mallatteessan kan dinqisiifattu ta’uu beeksise.

Waliigalteen qaamoleen lamaan mallatteessan filannoo bilisaa fi amanamaa ta’een mootummaa ce’umsaa haaraa hundeessuuf kan dandeessisu ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa ibsa baaseen himeera.

Itoophiyaan waliigalticha kan dinqisiifattu ta’uu fi hojiirra oolmaa isaaf tumsa barbaachisu kan taasiiftu ta’uu eereera.

Humnoonni Waraanaa fi Siiviilii dandeettii fi beekkumsa mataa isaanii fayyadamuun fedhii fi fayyadamummaa biyyattii haala bu’uureeffateen sirna diimookiraasiitti akka ce’an amantaa guutuu qabaachuu himuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015