Qabsoon farra malaammaltummaa bu’a qabeessa akka ta’u hundi ga’eesaa akka bahu komishinichi waamicha dhiheesse

161

Sadaasa 27 bara 2015(TOI)---Qabsoon farra malaammaltummaa naannichatti jalqabame bu’a qabeessa akka ta’u malaammaltoota saaxiluun seeratti dhiheessuuf hundi ga’eessaa akka bahu komishinariin komishinii naamusaa fi farra malaammaltummaa naannoo Amaaraa waamicha dhiheessan.

Mata duree “malaammaltummaarratti qabsaa’uun qabatamaan” jedhuun guyyaan farra malaammaltummaa sababeeffachuun waltajjiin marii magaalaa Bahaardaaritti adeemsifamaa jira.

Komishinar Habtaamuu Mogos haasawa taasisaniin, malaammaltummaa kutannoon ittisuu yoo hindandeenye biyyi keenya akka hin tasgabboofne, dinagdeen akka quucaruu fi hawaasni mootummaarratti amantaa akka hinqabaanne taasisa jedhaniiru.

Mootummaan gocha kana ittisuu fi dhaabsisuuf sosochii malaammaltummaa ittisuu uumamuusaa ibsaniiru.

Qabsoon farra malaammaltummaa jalqabame bu’a qabeessa akka ta’u malaammaltoota saaxiluun seeratti dhiheessuuf hundi ga’eesaa akka ba’u komishinarichi waamicha dhiheessaniiru.

Gorsaan dame ijaarsaa pirezidaantii naannichaa doktar Gaashaawu Awwaqaa gamasaaniitiin, malaammaltummaa fi hanna hundi hadheeffachuu akka qabu dubbataniiru.

Hawaasni hundi malaammaltummaa, hojmaata bahaa fi hanna irratti qabsaa’uu akka qabu hubachiisaniiru.

Hoggantoonni, abbootiin amantaa fi kutaaleen hawaasaa gara biroo waltajjii marii kanarratti hirmaachaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015