Tarkaanfii malaammaltummaa irratti qabsaa’uun cinaatti dhaloota hanna hadheeffatu ijaaruun ni barbaachisa – Piroofeesar Bayyanaa Pheexiroos

75

Sadaasa 27 bara 2015(TOI)---malaammaltummaarratti qabsaa’uuf tarkaanfii fudhatamuun cinaatti dhaloota malaammaltummaa hadheeffatu ijaaruuf hojjechuun akka barbaachisu hayyuun siyaasaa piroofeesar Bayyanaa Pheexiroos dubbatan.

Mootummaan malaammaltummaa fi hanna gurmaa’uun adeemsifamurratti tarkaanfii fudhatamaa jiru cimsee akka itti fufu gaafataniiru.

Malaammaltummaa nageenya biyyaaf yaaddoo ta’e ittisuuf koreen farra malaammaltummaa biyyaalessaa ministira muummee doktar Abiyyi Ahmadiin hundaa’uunsaa ni yaadatama.

Koreen kun dhihoo kana namoota dhuunfaa fi itti gaafatamtoota ta’annaa jala oolchaa akka jiru ibsuunsaa ni yaadatama.

Qabsoon farra malaammaltummaa qabsoo jireenyaa biyya saamicharraa hanbisuu fi nageenya biyyaalessaa mirkaneessuu ta’uu koreen kun beeksiseera.

Hayyuun siyaasaa fi itti aanaa hojii gaggeessaa inistiitiyuutiiqorannoo imaammataa doktar Bayyanaa Pheexiroos TOI waliin turtii taasisaniin, yakki malaammaltummaa kan raawwatamu karaa gurmaa’ee fi qindaa’een ta’uu dubbataniiru.

Miidhaan malaammaltummaan biyyaa fi dhalootarratti geessisu tilmaama keessa galchuun

Malaammaltummaa guutummaatti ittisuuf dhalootarratti hojjetamuu akka qabu eeranii, hanni gocha qaanessaa fi jibbamaa ta’uu dhalootaaf barsiisuun ni barbaachisa jedhaniiru.

Keessumaa manneen barnootaa dhaloota hanna balaaleffatu horachuun ga’eesaanii akka bahan gaafataniiru.

Koreen biyyaalessaa farra malaamaltummaa hojmaata deeffannoo fi eeruuwwan  tuttuqaarraa karaa bilisa  ta’een  sassaabamu diriirsee eeruu malaammaltummaa hawaasarraa sassaabaa kka jiruibsuunsaa ni yaadatama.

Kanaaf hawaasni eeruu kennuun akka hirmaatu koreen kun waamicha dhiheessuunsaa ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015