Qabsoon farra malaammaltummaa biyyattii yaaddoo balaa biyyaalessaa fi saamicharraa baraaruuf jalqabame cimee itti fufa - Obbo Tasfaayee Baljigee

106

Sadaasa 26/2015(TOI)---Qabsoon farra malaammaltummaa biyyattii balaa biyyaalessaa fi saamicha qabeenyaa irraa baraaruuf mootummaan jalqabame cimee itti fufa jedhan mana marii bakka bu’ootaa ummataatti ministirri itti waamamaan mootummaa  Tasfaayee Baljigee dubbatan.

Qabsoon farra malaammaltummaa mootummaan jalqabe biyya oolchuu fi hanna irratti qabsaa’uu waan ta’eef yaalii fi hirmaannaan lammiilee akka jabaatu gaafataniiru.

Yakka malaammaltummaa Itiyoophiyaatti babal’achaa dhufe ittisuuf koreen biyyaalessaa ministira muummee Abiyyi Ahmadiin hundaa’ee hojii kan jalqabe yoo ta’u, namoonni dhuunfaa fi itti gaafatamtoonni dhaabbilee to’annaa jala oolaa jiru.

Dhimma kanarratti TOIn kan dubbise mana marii bakka bu’oota ummataatti ministirri itti waamamaa mootummaa Tasfaayee Baljigee, qabsoon farra malaammaltummaa mootummaan jalqabe biyya saamicharra baraaruu fi nageenya biyyaalessaa mirkaneessuu qabsoo dhimma jiraachuu ta’uu dubbataniiru.

Yaaddoo balaa biyyaalessaa fi saamicharraa biyya baraaruuf qabsoon farra malaammaltummaa mootummaan jalqabame cimee itti fufa jechuun mirkaneessaniiru.

Qabsoon malaammaltummaa yaalii mootummaa qofaan waan hin milkoofneef hirmaannaa lammiilee hundaa akka barbaachisu ibsanii, hirmaannaan kun itti fufuu qaba jedhaniiru.

Dhaabbileen demokiraasii fi miidiyaaleen qabsoo kana akka deeggaran gaafataniiru.

Mootummaan caasaalee sadarkaan jiran sakatta’uun, hojmaatilee haaraa diriirsuun, hojiiwwan teekonooloojiin deeggaraman hojjechaa ta’uusaa eeraniiru.

Hoggantootaa fi malaammaltummaatti kan hirmaatan kanneen biroo seeratti dhiheessuun, hojiiwwan malaammaltummaaf haala mijeessan akka hin uumamne taasisan itti fufu jedhaniiru.

Koreen biyyaalessaa farra malaammaltummaa qabsoo farra malaammaltummaa mootummaa qindeessu, qornnoorratti hundaa’uun kanneen adda bahaniin ala hirmaattota biros kan adda baasuu fi seeratti akka dhihaatan kan taasisu nama toorba kan of keessaa qabu hundaa’ee hojii jalqabuunsaa ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015