Galmeen miseensummaa mana kitaabaa ''Abiroonnat'' jalqabuufi

120

Sadaasa 26/2015(TOI) - Manni Kitaabaa ''Abiroonnat'' Jimaata dhufu irraa jalqabee galmee miseensummaa kan jalqabu ta'uu beeksise.

Daarektarri mana kitaabaa ''Abiroonnaat'' Injinaar Wubaayyoo Maammoo TOItti akka himanitti miseensa mana kitaabootaa ta'uun fayyadamaa addaa nama taasisa.

Kana keessaas kitaabolee bilisaan ergifachuu, Carraa barnootaa biyya alaa argachuu akkasuma joornaalotaafi waraqaawwan eebbaa karaa online argachuuf isaan gargaara jedhaniiru.

Miseensa mana kitaabichaa ta'uuf waraqaa eenyummeessaa mana barnootaa ykn kan biroo kan barbaachisu ta'uu himaniiru. Karaa onliniis ulaagaalee barbaachisu guutuun miseensa ta'uun kan danda'amu ta'uu himaniiru.

Manni kitaabichaa yeroo ammaa kitaabolee kuma dhibba 8 ol kan qabu ta'uu himanii, namni miseensa ta'ee galmaa'e kitaaba ergifatee dubbisuu kan danda'u ta'uu himaniiru.

Namni miseensa mana kitaabichaa ta'e joornaalotaafi barreeffamootaa eebbaa miliyoonaa 1.5 bakka jiru taa'ee karaa online kan fayyadamu ta'uu himaniiru.

Kunis baratoonni waraqaa qorannoo kan eebbaa yeroo hojjetan qorannoowwaaniifi barreeffamoota duriirraa muuxannoo akka argatan kan gargaarudha jedhaniiru.

Kanneen miseensummaaf galmaa'an dhugaatii o'aa Tomokaa gatiin isaa harka 35 gad bu'eef kan fayyadama ta'uu injinaar Wubaayyoon himaniiru.

Dabalataan manni kitaabichaa waggaatti baasii barbaachisu hundaa danda'ee miseensoota isaa 12'f carraa barnootaa akka argatan ni taasisan jedhaniiru.

Adeemsi kun aadaa dubbisuu hawaasaas cimsuuf kan gargaarudha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015