Pirojeektiin Humna qilleensaa Maddisiisa Humna Ibsaa Ayishaa 2 saatiitti humana giiggaawaatii 17 maddisiisuu danda'eera

86

Sadaasa 26/2015(TOI) - Tarbaayinoonnii Humna qilleensaa Maddisiisa Humna Ibsaa Ayishaa 2 yeroo dhihootti gara hojiitti galan 16 saatiitti humana giiggaawaatii 17 maddisiisuu danda'uu Tajaajilli Humna Ibsaa Itoophiyaa beeksise.

Hoji geggesituun hojii Pilaanii Humna Ibsaa Itoophiyaa aadde Xiruwar Shifarraawu akka himanitti ji'aa Onkoloolessaa darbe gara hojiitti kan galan tarbaayinoonni qilleensaa 16 irraa humana Meeggawaatii 17 maddisiisuuf karoorfamee humna meeggawaatii 17.7 maddisiisuun kan danda'ame ta'uu himaniiru.

Ji'a Onkoloolessaa keessaa ariitiin humna qilleensaa naannawwicha ture jiddugaleesaan sakandiittii meetiira 8.9 akka ture himanii kunis tarbaayinoonni jiran humna barbaadamu karaa sirrii akka oomishaniif gargaareera jedhaniiru.Kunis jiddugalawaan biroon kana caalaa oomishuu akka danda'an kan agarsiisedha jedhaniiru.

Gama biroon immoo pirojeektiin kun haala karoora qabameen humna mannisiisuuf karoorfame maddisiisuu kan danda'u ta'uu kan agarsiisedha jedhaniiru.

Pirojeekitiin huma qilleensaa maddisiisa humana Ibsaa Ayishaa 2 tokkoon tokkoon isaanii humna meeggaa waatii 2.5 maddisiisuu kan danda'an tarbaayinoota qilleensaa 48 qabu. Kana keessaa 32 kan dhaabaman ta'uu himuu isaanii ragaan tajaajilicharraa argame ni muli'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015