Waltajjiin marii hayyootaa Finfinneetti taa'amaa jira.

72

Sadaasa 26/2015(TOI) - ''Guddina Itoophiyaaf gahee hayyootaa'' mata duree jedhuun waltajiin marii hayyootaa sadarkaa biyyaalessaatti magaalaa Finfinneetti taa'amaa jira.

Waljattii kanarratti ministirri Barnootaa pirofeesar Biraanuu Naggaa, hayyoonni sadarkaa biyyaatti bakkoota adda addaa walitti dhufan akkasuma hoggantoonni hojii dhaabbilee barnoota olaanoo argamaniiru.

Birmadummaa biyyaa kabachiisuu keessatti gahee hayyootaa akkasuma nageenyaafi tasgabbii Itoophiyaaf gumaacha hayyootarratti mariin kan taasifamu ta'uu sagantaa baheerraa hubachuun danda'ameera.

Waltajjii marii kana Yuunivarsiitii Barnootaa Kotobeefi Yuunivarsiitii Saayinsiifi Tekinolojii Finfinneetu waloon qophheesse jedhameera.

Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Barnootaa Kotobee doktar Biraanamasqal Xannaa, Hayyoonni dhaloota biyya dhaaluu oomishuun cinaatti qorannoofi qo'annoo taasisaniinmisoomaafi guddina biyyaaf hojjechuun dirqama isaanii bahuu qabu jedhaniiru.

Badhaadhina Itoophiyaa mirkaneesuuf imaammataaf galtee kan ta'an, nageenyaa waaraa biyyaaf gumaacha kan qaban yaadota maddisiisuu qabus jedhaniiru.

Fayidaa biyyaalessaa biyyaa eegsisuun hojii lammilee hundaarra eegamu ta'uus hayyoonni caalmaatti dirqama fudhachuu qabus jedhaniiru.

Hayyoonnii bakka hundaa jiran walitti dhufuun tokkummaafi qindoominaan guddina biyyaaf hojjechuu akka qabanis waamicha taasisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015