Gamtaan hoggantoota Poolisii Afrikaa Bahaa walga'ii waliigalaa 24ffaw isaa geggeessa jira.

64

Sadaasa 25/2015(TOI) - Gamtaan hoggantoota Poolisii Afrikaa Bahaa walga'ii waliigalaa 24ffaasaa magaalaa Finfinneetti geggeessa jira.

Walga'ii kanaan Yakka shorokeessummaa, Daddabarsa seeraan alaa namootaafi meeshaalee waraanaa, Baala sammuu nama hadoochu, Beelladaa fi yakkoota biroo daangaa ce'an irratti ni mariyata jedhamee eeggama.

Hogganaan Biiroo Ittisa yakkaa Poolisii Federaalaa Itoophiyaa Komishineer Jeneraal Zalaalam Mangistee Hoggantooni hojii gamtivhaa, Hoggantooni Itarpoolii qaxanichaa, Ataashota, hoggantoonni poolisii biyyoota add addaa walga'icharratti hirmaachaa jiru.

Walga'iin hoggantoota Poolisii Afrikaa Bahaa 23ffaan bara darbe Rippabilika dimookiraatawaa Koongoo magaalaa Kinshaasaatti geggeeffamuun ni yaadatama.

Itoophiyaan walga'ii kana yeroo lammaffaaf bara kana kan keessummeessite yoo ta'e kanaan dura bara 2008 walga'ii haggantoota Poolisii Afrikaa bahaa kana qopheessuun ishee ni yaadatama.

Gamtichi teessoo isaa Keeniyaa Naayiroobii kan taasifate yoo ta'u Qindoomina dhaabbilee seera kabachiiftoota biyyoota Afrikaa Bahaa cimsuu, Odeeffannoo waljijjiruu cimsuu, tarsimo waloo baafachuufi nageenya qaxanichaa kabachiisuuf kan hojjrtu ta'uun himameera.

Gamtaan kun bara 1998 yakkoota daangaa darban waliin qolachuuf Ugaandaa Kampaalaatti hundaa'e.

Gamtaan kun Itoophiyaa dabalatee, Keeniyaa, Sudaan, Sudaan Kibbaa, Rippabilikaa dimookraatawaan Kongoo, Jibutii, Somaaliyaa, Siishelis, Ruwaandaa, Ertiriyaa, Ugaandaa, Tanzaaniyaa, Komoroosfi Burundii waliigalaan biyyoonni 14 miseensoota gamtichaatti.

Walga'iin Finfinneetti geggeeffama jiru kun hanga Sadaasa 30/2015tti kan turudha jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015