Dippilomaatonni Itoophiyaa muuxannoo teknooloojii fi beekumsa oomisha indaastirii fayyadu irratti xiyyeeffannoon hojjechuu qabu jedhame.

125

Sadaasa 23/2015(TOI) - Dippilomaatonni Itoophiyaa muuxannoo teknooloojii fi beekumsa biyyoota alaa oomisha indaastirii fayyadan fiduurratti xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban, Miniteerri Indaastirii obbo Malaakuu Allebal waamicha dhiyeessaniiru.

Dippilomaatonni Itoophiyaa leenjii isaanii hordofuun xumuran Indaastiriiwwan Galaan fi Duukamitti argaman daawwataniiru.

Dippilomaatonni kunneen warshaalee kanneen akka uffataa,sibiilaa,qorichaa akkasumas oomishaa fi gurgurtaa meeshalee biiroo fi manaa daawwataniiru.

Ministirri Indastarii obbo Malaakuu Allebal akka himanitti Itoophiyaa wagoota kurnan dhufan damee oomishaarraa galii doolaara biliyoona 9 argachuuf karoorfateetti

Damee kana oomishitummaa isaa haraka 85 guddisuuf, akkasumas lammilee miliyoona 5 ta'aniif carraa hojii uumuuf karoorri qabamuu himanii hojii kana milkeessuuf hojii jabaa akka barbaachisu eeraniiru.

Kana keessas Investimantiin alaa bakka amma jirurraa caalaatti guddachuu akka qabu himaniiru. Kana gochuuf immoo hojiin dippilomaatootarraa eegganu olaanadha jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015