Magaalaa Jimmaatti Dargaggoota waldaan gurmaa’an kuma 3 fi 700 oliif bakki itti hojjetan kennameef

84

Sadaasa 21/2015(TOI)---Magaalaa Jimmaatti dargaggoota waldaan ijaaraman kuma 3 fi 700 oliif iddoon itti hojjetanii fi lafti qonna magaalaaf oolu kennameef.

Itti gaafatamaan waajjira carraa hojii uumuu fi dandeetti magaalaa Jimmaa ob. Mazgabuu Guddataa bakka hojii fi lafa waldaaleef dabarsaniiru.

Itti gaafatamaan kun wayita kana akka jedhanitti, waldaalee damee daldalaarratti bobba’aniif sheediiwwan 258 kan kenname yoo ta’u, qonna magaalaarratti kan bobba’aniif ammoo lafti heektaarri 32 kennameeraaf.

Ka’umsa hojiif akka oolu waldaaleen birrii miiliyoona 42 qusachuusaanii ibsanii, amma ammaatti waldaaleef birriin miiliyoona 42 liqiin kennamuusaa ibsaniiru.

Fuulduras dargaggoonni gurmaa’anii hojii jalqabuu barbaadan hojii akka jalqaban carraan mijaa’uusaa dubbataniiru.

Dargaggoonni kuma 3 fi 768 magaalattiittii bakka hojii fudhachuusaanii himanii, dargaggoonni karaa addaddaa carraa hojii dhaabbataa fi yeroo argatan akka jiran dubbataniiru.

Kantiibaan magaalaa Jimmaa ob. Najiib Abbaaraayyaa gamasaaniitiin, dargaggoonni carraa hojii argatan cimanii hojjechuun ofii fi biyyasaanii jijjiiruuf qophaa’uu qabu jedhaniiru.

Dargaggoonni magaalatti yeroo isaanii bakka hintaanetti dabarsuu jalaa bahanii cimanii hojjechuun ofirra darbanii kanneen biroof carraa hojii uumuuf cichanii hojjechuu qabu jechuun ibsaniiru.

Dargaggoonni carraan hojii uumameef cimanii hojjechuun yeroo gabaabaatti of danda’uuf akka tattaafatan dubbataniiru.

Dargaggoo Musliimaa Naasir waldaan gurmaa’anii sheedii itti daldaluuf oolu argachuusaanii ibsitee, carraa argatanitti fayyadamanii of jijjiiruuf akka hojjetan ibsiteetti.

Dargaggoon carraa hojii uumameef kan biraan Naasir Muusaa hiriyyoota isaa waliin gurmaa’ee meeshaalee manaa human elektiriikiin hojjetan suphuun galii argachuuf karoorsuu isaanii ibseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015