Meeshaalee waraanaa naanneffamurratti to’annaa cimaa taasisaa akka jiru poolisiin Finfinnee beeksise

58

Sadaasa 20/2015 (TOI)---Poolisiin Finfinnee meeshaa waraanaa deddeebifamurratti to’annaa taasisu cimsee akka itti fufu beeksise.

Sakatta’iinsa magaalattii kutaalee magaalaa addaddaa mana namoota dhuunfaa shakkaamanirratti taasifameen meeshaalee waraanaa addaddaa shakkamtoota waliin qabuusaa ibseera.

Haala kanaan shugguxiiwwan 9 fi konkolaataatti fe’amee geejjibamsiifamaa kan ture boombii 16 tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa waliin ta’uun qabamanii qoratamaa jiru.

Meeshaa waraanaa deddeeisuun wal qabatee kutaa magaalaa nifaas silk laaftoo aanaalee 11 fi 14 tti shakkamtoonni 4 to’atamanii qoratamaa akka jiran ibsameera.

Poolisiin akka beeksisetti eeruu ummataa fi hordoffii poolisiitiin sakatta’iinsa mana jireenyaa shakkamtootaa  jiraattota aanaalee eeraman 2 irratti taasiseen shugguxiiwwan addaddaa shanii fi rasaasonni shugguxii addaddaa qabamaniiru.

Haala wal fakkaatuun kutaa magaalaa addis katamaa aanaa 13 kondomineemii Mikiileelaand jedhamu keessaa poolisii fi tajaajilli odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa hordoffii taasisaniin shugguxiin 4 rasaasa 30 fi boombii harkaa 1 qabeera.

Namoonni yakka kanaan shakkaman 4 to’atamuusaanii poolisiin Finfinnee ibseera.

Kutaa magaalaa Gullallee aanaa 10 naannawa Fiinaansii jedhamutti poolisii fi tajaajilli odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa hordoffii taasisaniin qaama konkolaataa piik aappii lakkoofsa gabatee koodii 5-01928 AA keessatti dhokfamee geejjibsiifamaa ture keessaa boombiin harkaa 15 shakkamtoota 3 waliin to’annaa jala ooleera.

Walumaa gala meeshaa seeraan alaa deddeebisuu to’achuu fi yakkamtoota qabuuf yaalii taasifameen boombiin harkaa 16, shugguxii 9 fi rasaasota shugguxii addaddaa 83 shakkamtoota 11 waliin qabeeqorachaa akka jiru poolisiin beeksiseera.

Hordoffii fi to’annoon sochiiwwan seeraan alaa irratti cimee akka itti fufu kan ibse poolisiin, hawaasni naannawasaa humnoota farra nageenyaa irraa dammaqee akka eegaa wantoonni shakkisiisoo ta’an wayita quunnaman poolisiif akka eeru waamicha dhiheessuusaa odeeffannoon marsariitii waajjira kantiibaarraa arganne ni mil’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015