Qonnaan bulaan kisooma qamadii cinaatti garbuu biiraa akka oomishan hojjetamaa jira-godina Baalee

146

Sadaasa 20/2015(TOI)---qonnaan bultoonni misooma qamadii cinaatti garbuu biiraa akka oomishan barsiifamaa akka jiru waajjirri qonnaa godina Baalee ibse.

Itti aanaan itti gaafatamaa waajjira qonnaa godinichaa ob. Abdullaxiif Amaan akka jedhanitti, qonnaan bulaan oomisha qamadiin cinaatti garbuu biiraa akka oomishu deeggarsi taasifamaafii akka jiru ibsaniiru.

Haala kanaan sanyii garbuu biiraa fooyya’aa dhiheessuu, dhiheessii galtee qaqqabsiisuu fi kilaastaraan gurmeessuun hojjetamuusaa dubbataniiru.

Haala kanaan qonna gannaatiin godinichatti lafa heektaarakuma 10 fi 100 caalurratti misoomni adeemsifamaa akka jiru himaniiru.

Misooma garbuu biiraa godinicha aanaalee shan keessatti heektaarri kuma 8 hojmaata qonnaa fooyyee fayyadamuun qonna kilaastaraan misoomuusaa dubbataniiru.

Sanyii garbuu biiraa qonnaan bulaaf dhihaataa jiran keessaa ‘Faaxumaa’, ‘Tiraaveeleer’, ‘Pilaaneet’, ‘Siingiteen’, fi ‘Mo’ataa’ kan jedhaman ni eeramu jedhaniiru.

Akka ibsa kanaatti, garbuu biiraa misoomaa jiru irraa oomishni kuntaala kuma 390ol kan eegamu yoo ta’u, qonnaan bultoonni kuma 7 misooma kanarratti hirmaachaa jiru.

Kanneen keessaa jiraataa aanaa Agaarfaa kan ta’an Bayyanaa Katamaa yaada kennaniin, kana dura garbuun biiraa naannawasaaniitti hin beekmu ture.

Waggoota lamaa asitti misooma qamadii godinichatti beekamuun cinaatti misooma garbuu biiraa jalqabuusaanii eeraniiru.

Waggoota lamaan darban qonnaan bulaan heektaara tokkorraa garbuu biiraa kuntaala 50 argachuusaanii ibsanii, gurgurtaa isaarraa galii gaarii argachaa akka jiran dubbataniiru.

Qonnaan bulaan aanaa kanaa Ayyalaa Nagawoo haala walfakkaatuun isaanis ta’e qonnaan bultoonni naannawaa bal’inaan qamadii oomishaa akka turan yaadataniiru.

”Bardheengaddaa oyiruu heektaara tokkorratti misoomserraa garbuu biiraa kuntaala 45 argadheera, baranaqophii oyiruu irraa kaasee hojmaata qonnaa fooyya’aa waanan fayyadameef heektaara tokkorraa kuntaala 60 nan agadha “jedhaniiru.

Walitti hidhiinsi gabaa akka uumamuu fi dhiheessiin galtee akka jalaa hincinne qnnaan bultoonni gaafataniiru.

Godina Baaleetti qonna gannaa bara 2014/15tti lafa heektaara kuma 378 fi 670 caalurratti midhaan haadhoon misooma jiru irraa oomishni kuntaala miiliyoona 11 akka eegamu odeeffannoon waajjira qonnaa godinicharraa argame ni agarsiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015