Naannoo Oromiyaatti baatiwaan arfan darban damee dinagdeefi hawaasummaan hojiiwwan milkaa'oon hojjetamaniiru.

55

Sadaasa 19/2015(TOI) - Naannoo Oromiyaatti baatiwaan arfan darban damee dinagdeefi hawaasummaan hojiiwwan milkaa'oon hojjetamuu Biiroon kominikeeshinii naannichaa beeksiseera.

Birroon kominikeeshinii naannichaa haala waqtaawaafi raawwii hojii mootummaa naannichaa kan baatii afurii ilaalchisuun ibsa laateera.

Biirichiibsa isaan hojiin baatiiwaan arfan darban naannichatti olaantummaa seeraa kabachiisuu akkasuma damee dinagdeefi hawaasummaan hojjetama jajjabeessadha jedheera.

Hogganaan Biirichaa obbo Hayiluu Addunyaa ibsa laataniin akka himaniitti mootummaan naannichaa baatiiwwan arfan darban galii idileefi mana qopheessaarraa galii birrii biliyoonaa 22.8 walitti qabeera jedhaniiru.

Bara darbe lafa heektaaraa miliyoonaa 6.5 oomishinni irratti oomishameera haga ammaatti lafa heektaaraa miliyoona 2.1 irraa oomishinni gahe walitti qabamuu obbo Hayiluun himaniiru.

Misoomaa Qamadii jallisii Boneen lafti heektaarri kuma 500 qotamee facaasaaf kan qophaa'e yoo ta'u haga ammaatti lafti heektaarri kuma 278 midhaan faca'uu himaniiru.

Oomishaalee naannichatti oomishamanii gara gabaa alaatti ergaman keessaa Avookaadoon tokko ta'uu himanii, haga ammaatti oomisha Avookaadoo walitti qabame keessaa Avookaadoon tooniin 38 gabaa alaaf dhihaatee galiin doolaara kuma 150 irraa argamuu himaniiru.

Naannichatti oomisha Bunaa oomishamee keessaa Bunni toonii kuma 200 gabaa jiddugaleessaatti dhihaachuus himaniiru.

Gama biroon mootummaan naannichatti olaantummaa seeraa kabachiisuuf hojiiwwan adda addaa hojjechaa turuu himaniiru.

Keessaayyuu garee shororkeessaa Shaneen gowoonfamanii dargaggoota garee kanatti dabalaman karaa nagaa harka akka laatan irra deddeebiin waamichi taasifamaa turuu himaniiru.

Mootummaan naannichaa ammas dargaggoota garee kanaan gowoonfamanii itti dabalaman karaa nagaa harka akka laataan waamicha dhiheessa jedhaniiru.

Mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuuf hojiiwaan naannichatti hojjetu ammas cimsee kan itti fufu ta'uu obbo Hayiluun himaniiru.

Ummannis deeggarsa humna nageenyaa naannichaaf gochaa jiru cimsee akka itti fufu waamicha godhaniiru.


Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015