Manni sirreessaa godina Iluu Abbaa Booraa hjii sirreessuun ala hojiiwwan misoomaa addaddaa hojjechaa jira

136

Sadaasa 17/ 2015(TOI)  Manni sirreessaa kun hojii amala sirreessuun alatti damee qonnaa addaddaatiin hojiilee misoomaa fakkeenya ta’an raawwachaa akka jiru manni sirreessaa godina Iluu Abbaa Booraa beeksise.

Lafa mana sirreessichaatti argamu irratti hojiilee misoomaa hawaasa naannawaaf akka bakka hojjetanii itti agarsiisaniitti gargaaraa jira.

Gareen naannoo Oromiyaatti sadarkaa itti aanaa pirezidaantiitti qindeessaa kilaastara baadiyyaa ob. Abduraahimaan Abdallaa fi waajjira paartii badhaadhinaatti itti gaafatamaan damee siyaasaa naannoo Oromiyaa doktar Biqilaa Hurrisaatiin durfamu hojiiwwan misoomaa mana sirreessichaatti hojjetamaa jiran daawwateera.

Hojii gaggeessaan mana sirreessichaa Komaandar Tanaanyee Walduu sirreeffamtoonni seeraa turtii isaanii mana sirreessaatiin amalasaanii sirreessuun alatti wayita gara hawaasaatti deebi’an lafa qabanirratti maal  attamitti hojjetanii jijjiiramuu akka danda’an muuxannoo fi ogummaa kan itti argatan ta’uu dubbataniiru.

Kana maleesa hawaasni naannawaa hojiiwwan kuduraan muduraa, Ruuzii misooma magariisaa fi kkf irratti hojiiwwan muuxannoowwangaarii itti argaman hojjetamaa akka jiran ibsaniiru.

Bulchaan godina Iluu Abbaa Booraa ob. Indaalkaachoo Tafarii “ hojiiwwan mana sirreessaa kanaa qonna magaalaa babal’isuu fi waajjiraalee mootummaa keessatti hojiiwwan misoomaa bu’a qabeessa hojjechuun akka danda’amu fakkeenya ta’aa jira” jedhaniiru.

Naannoo Oromyaatti sadarkaa itti aanaa pirezidaantiitti qindeessaan damee kilaastara baadiyyaa ob. Abduraahmaan Abdallaa, manni sirreessichaa qorannoo qonnaa fi akka mana leenjii ogummaatti fudhatamuu kan isa dandeessisu hojii guddaa hojjechaa jira jedhaniiru.

Karoora mootummaan baase bifa qindaa’een gochaan arguun kan itti danda’amuu fi hawaasni naannawaa muuxannoo irraa fudhachuu kanqabu ta’uu himaniiru.

Manneen sirreessaa, jiddu galeessonni qorannoo qonnaa, Yunivarsiitiiwwanii fi dhaabbileen mootummaa fi mitmootummaa hojii qorannoo hojjetan naannichatti argaman muuxannoo kana fudhachuu qabu jedhaniiru.

Keessumaa baasii mootummaa osoo hin gaafatiin human keessootiin hojii fakkeenya qabu kana hojjechuunsaanii kanneen biroofis muuxannoo ta’uu akka qabu dubbataniiru.

Manni sirreessaa kun kuduraa fi muduraa akkasumas oomisha Ruuziin alatti hojii misooma magariisaa fi haroo namtolchee  hojjechuun tajaajila bashannanaa kennuurra akka jiru beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015