Godina Walloo kaabaatti manneen barnootaa miidhaan irra ga’e suphuu fi meeshaa guutuun hojiitti akka galan taasifameera.

64

Sadaasa 17/ 2015(TOI) Godina Walloo kaabaatti manneen barnootaa sababa waraanaatiin miidhaan irra ga’e suphuu fi meehaa guutuun hojii akka jalqaban taasifamuusaa  qajeelchi barnootaa godinichaa beeksise.

Qajeelchichatti dursaan garee qophii karooraa fi qabeenya barbaaduu adde Yenigusee Balaayi TOIf akka ibsanitti, manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa 203 fi sadarkaa 2ffaa 13 miidhaan irra ga’e suphuu fi meeshaa guutuun hojii Baruu fi barsiisuu akka itti fufan taasifamuu dubbataniiru.

Kanneen miidhaan irra ga’e dabalatee godinichatti manneen barnootaa suphuu fi meeshaan guutuuf maallaqni callaa fi akaakuun birrii miiliyoona 39 tuqaa 5 ol baasii taasifamuu ibsaniiru.

Kana malees meeshaaleen barnootaa birrii miiliyoona 24 tuqaa 1 olitti tilmaamamu barattoota kuma 105f deeggarsi taasifamuu dubbataniiru.

Dursaan garee waajjira barnootaa aanaa Gidaan Ob. Sixootaawu Iwunuu gamasaaniitiin, “manneen barnootaa waraanaan miidhaman deeggaruun dafnee barumsa jalqabsiisuu dandeenyeerra” jedhan.

Nageenyi amma bu’e yeroo barnootaa qisaasame bakka buusuun beekumsa qabsiisuu fi jireenya isaanii boruu sirreessuuf carra kan uume ta’uu ibsaniiru.

Godinichatti barattoonni sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa kuma 338 fi 400ol barachaa akka jiran odeeffannoon qajeelchicharraa argame ni agarsiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015