Naannoo Tigraayitti lammiilee buufata qubannaatti argamaniif bishaan dhugaatii qaqqabsiisuun itti fufeera-ministeera bishaanii fi Inarjii

70

Sadaasa 17/ 2015(TIO) Sababa waraanaatiin naannoo Tigraayirraa lammiilee qe’ee isaaniirraa buqqa’anii buufata qubannaatti argamaniif bishaan dhugaatii qulqulluu qaqqabsiisuun cimee itti fufu ministeerri bishaanii fi Inarjii ibse.

Naannichatti buufttoonni bishaan itti qulqullaa’u suphamanii tajaajila akka kennan hojjetamaa jira.

Waliigaltee nageenyaa mootummaa fi ABUT jidduutti taasifame hordofuun naannoo Tigraayitti deeggarsi namoomaa daangaa malee dhihaachaa jira.

Naannichatti meeshaalee nyaataan ala ta’an dabalatee dhaabbilee tola ooltota qorichii fi meeshaalee yaalaa dhiheessaniif mootummaan daandii banaa taasisuusaa ifoomsuun isaa ni yaadatama.

Kana malees lammiilee sababa waraanaatiin qe’ee isaaniirraa buqqa’anii buufata qubannaatti argamaniif bishaan dhugaatii qaqqabsiisuu cimsee itti fufsiisuusaa ministeerri bishaanii fi Inarjii beeksiseera.

Ministeerichatti itti gaafatamaan deeskii bishaan dhugaatii fi deeggarsa addaa yeroo ariifachiisaa Ob Aschaaloo Tasfaayee magaalaa Shireetti tajaajilli bishaanii sakondiitti bishaan qulqullaa’e liitira 48 gadlakkisuu akka danda’u suphaan taasifamuusaa dubbataniiru.

Buufataalee qubannaa Shiree amma Aduwaatti jiranitti hanqinni bishaanii akka hin mudanne boolloon bishaanii gadi fagoon qophaa’uusaanii eeraniiru.

Haala kanaan hanqina bishaanii buufataalee qubannaa jiran furuun danda’ameera jedhan.

Dhiheessii bishaan dhugaatii naannoo Tigraay fooyyessuuf karoorri yeroo gabaabaa, jiddugaleessaa fi dheeraa qabamee hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015