Omishtummaa qonnaa guddisuuf sirna faayinaansii qonnaan bultoota qaqqabu diriirsuun ni barbaachisa-Inistiitiyuuticha

87

Sadaasa 16/ 2015(TOI) Omishtummaa qonnaa guddisuuf sirna faayinaansii balinaan qonnaan bulaa qaqqabu diriirsuun akka barbaachisu Inistiitiyuutiin tiraanisfoormeeshinii qonnaa Itiyoophiyaa ibse.

Akkaadaamiin saayinsii Itiyoophiyaa waltajjii marii komershaalaayizeeshinii qonnaa akkasumas qonna kilaastaraa laallatu adeemsiseera.

Rakkoolee omishtummaa qonnaarratti mul’atanii fi kallattiiwwan furmaataa irratti mari’achuun yaada galtee imaammataa eeruun kaayoon marii kanaati.

Komarshaalaayizeeshinii qonnaa ilaalchisuun waltajjii kanarratti ibsa saayinsaawaa kan kennan daarektarri olaanaa inistiitiyuutii tiraanisfoormeeshinii qonnaa Itiyoophiyaa doktar Maandafroo Nugusee dame qonnaa maxxantummaa roobaa jalaa baasuuf hojiiwwan hojjetaman qaqqabummaa faayinaansii waliin walitti hidhamuu qabu.

Qonnaan bultoonni galteewwan omishtummaa qonnaa guddisan salphatti akka argatan rakkooleen faayinaansii hiikamuufii akka qabu eeraniiru.

Kanaaf ammoo dhaabbileen faayinaansii amma caasaa gajjallaatti bu’uun liqii dabalatee tajaajiloota biro qonnaan bultoota qaqqabsiisuun akka irraa eeraniiru.

Mootummaan maashinaroota qonnaa qaraxarraa bilisaan galchuunakkasumas xaa’oo fi sanyii filatamaa salphaatti qonnaan bulaa biraan ga’uun hojii jajjabeessaa hojjechaa akka jiru eeranii, hojiin kun cimee itti fufuu akka qabu dubbataniiru.

Tooftaan qonnaa kilaastaraa Itiyoophiyaatti babal’achaa jiru omishtummaa dabaluun faayidaa olaanaa akka qabu eeraniiru.

Qonni kilaastaraa akka biyyaatti meekaanaayizeeshinii qonnaa bal’isuuf carraa uumuusaa dubbataniiru.

Kun ammoo qamadii dabalatee omishoota biroon ofdanda’uurra darbee gabaa biyya alaaf dhiheessuuf galma jalqabame akka dhugoomu kan agarsiisudha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015