Al-ergii bunaatiin doolara biliyoona lama argamsiisuuf hojjetamaa jiraS - ENA Afaan Oromoo
Al-ergii bunaatiin doolara biliyoona lama argamsiisuuf hojjetamaa jiraS
Sadaasa 15/20159TOI) - Bara kana al-ergii bunaarraa Doolaara biliyoona lama argachuuf buna qulqullinaafi baay’inaan gabaa biyya alaatti dhiheessuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.
Hogganaa Ittaanaafi Itti gafatamaan Damee Misooma Bunaafi Muduraa biirichaa Obbo Maammedsaanii Amiin akka jedhanitti, buna Harargee dhandhama gaarii qabuufi gabaa biyya alaatti filatamaa ta'e baay’inaafi qulqullinaan misoomsuuf hojjetamaa jira.
Bunni Harargee biyya keessattis ta'e alatti sadarkaa kan qabu ta’uu yaadachiisanii, yeroo ammaatti sababoota adda addaatiin omishtumaan, qulqullinniifi gabaansaa gadi bu’eera jedhan.
Kanaaf xiyyeeffannoon irratti hojjechuuf hudhaawwan jiran qorannoon adda baasuun falasaarratti hojjechuuf qooda fudhattoota waliin mariin gaggeeffamuu dubbataniiru.
Giddugalli Qorannoo Qonnaa Machaaraa qorannoo buna sanyii fooyya'aafi omishtummaasaatiin fooyya'aa ta'e godinaalee, Haragee, Baaleefi Arsiif sanyii bunaa fooyya'aa qorannoon argate afur dhiheessuufi yeroo ammaas qorannoo 30 gaggeessaa jiraachuu Daarektarri Giddugalichaa Obbo Fiqqaadaa Gammachuu ibsuu ragaab Biiroo Qonna Oromiyaarra argame ni muli'isa.