Gamoowwan moofaa Yunivarsiitii Finfinnee hattattamaan akka haaromfaman Koreen dhaabbii hubachiise.

66

Sadaasa 14/ 2015(TOI) Mana maree bakka bu’oota ummataatti koreen dhaabbii misooma human namaa, bobbaasuu hojii fi dhimmoota teekinooloojii gamoowwan yunivarsiitii Finfinnee jijjigaa jiran suphaan hatattamaa taasifamuufii akka qabu hubachiiseera.

Koreen kun daawwannaa dirree yunivarsiitichatti taasisaa jiruun dhaabbii gamoowwan irra jiran naannawee daawwateera.

Walitti qabaan koree kanaa doktar Nagarii Leencoo akka eeranitti, keessumaa akkaadaamiin afaanota Itiyoophiyaa fi laayibrariin sheeh Mahaammad Al-Amuddiiniin ijaarame sadarkaa tajaajila kennuu hin dandeenyetti jijjigaa waan jiraniif suphaan hatattamaa taasifamuufii qaba jedhaniiru.

Humna yunivarsiitichaanis ta’e qaamota biraatiin gamoolee miidhamaniif furmaanni hatattamaa akka kennamu koreen dhaabbii kun hordoffii fi deeggarsa walirraa hin cinne akka taasisu dubbataniiru.

Miseensonni koree dhaabbii dawannaa kanaan alattis hojjettoota damee bulchiinsaa kolleejota yunivarsiitichaa addaddaarraa walitti dhufan waliin mari’achuusaanii odeeffannoon marsariitii mana maree bakka bu’oota ummataa irraa arganne ni agarsiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015