Uummanni godinni Gujii hidha haaromsa guddichaaf deeggarsa birrii miliyoona 27 olii taasise.

106

Sadaasa 14/2015(TOI) - Uummanni Godina Gujii ji'aa torba keessaattiHidha haaromsaa guddicha Itoophiyaa deeggarsa birrii miliyoona 27 bittaa boondiifi kennaan taasiseera.

Godinichatti haga ammaatti deeggarsi hidhichaaf kan taasifame yoo ta'u gara fuula duraattis deeggarsi kun cimee kan itti fufu ta'uu godinichatti manni maree hidhichaaf qabeenya walitti qabu beeksiseera.

Bareessaan mana marichaafi itti gaafataman waajjira Kominikeeshinii godinichaa obbo Yoohaannis Olkoo akka himanitti uummanni godinichaa ji'oota torban darban qofaa hidhichaaf birrii miliyoona 27 bittaa boondiifi kennaan deeggarsa taasiseera.

Kana keessaas birriin miliyoona 24 bittaa boondiin kan argame yoo ta'u miliyoonni 3 immoo kennaadha jedhaniiru.

Deeggarsa kanas kan taasisan hawaasa magaalaa Nagallee, Adoolaafi Shaakkisoo dabalatee aanaalee godinichaa 18ti jedhaniiru.

Uummanni godinicha marsaa sadiin hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaaf deeggarsa birrii miliyoona 74 bittaa boondiifi kennaan taasiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015