Namoota uummata buqqisanii fi dararan to'annaa jala oolchuun jalqabameera

79

Finfinnee Eebla 30/2011 Waggoottan sadan darbanitti namoota uummata buqqisanii  fi dararan to'annaa jala oolchuun jalqabamu isaa Ministeerri Nageenyaa aadde Mufaariyaat kaamiil beeksisan.

Ministeerichi gabaasa raawwii hojii baatii 9 Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatif dhiyeessera.

Gabaasa raawwii hojii kan dhiyeessan ministirri Ministeera Nageenyaa aadde Mufaariyaat Kaamiil akka jedhanitti nannoolee adda addaatti buqa'uun ummata qormaata sirna Federaala ta'uu isaa himanii jiru.

Walii galtee dhabuun iddoo tokko tokkotti mul’achaa jiru kunis nagaan hiikachuu irra gara mirga namummaa hanga mulquutti ga'aa jiraachu eraniiru.

Kana hikuufis uummata naannolee hunda kessaa jiran irratti jijjiiramni sammuu akka dhufuuf tokkummaa biyyaa irratti xiyyefachuun walii galteen akka uummamuuf hojjetama jira jedhan.

Bara 2008tii asittii qaamota ummata buqqisee fi darare to'annaa jala oolchuun jalqabamu isaas Ministeerri Nageenyaa aadde Mufaariyaat kaamiil beeksisanii jiru.

Kanaanis ji'oota darban saglan keessatti galmee kuma 4 fi 43 irratti qorannoon kan godhame yoo ta'u galmee kuma 2 fi 276 irratti ammoo abbaan alangaa himannaa akka banuuf ergamu isa ibsaniiru.

Namoota buqqa'uu lammiileef sabaaba ta'anii fi dararaa irraan ga'an 468 toannaa jala ooluu isaanii ibsaniiru.

Shakkamtoota 420 ammoo to'annaa jala oolchuuf hojjetamaa jiraachuu isaa aadde Mufaariyaat himaniiru.

Namoota yakkichichaan hirmatanii biyyaa ba'an seeratti dhiyeessuuf Interpoolii waliin hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Naannoleen shakkamtoota akka dabarsanii laatan obsaa turreerra kan jedhan aadde Muferiyaat ; kana booda garuu mootummaa federaalaa waliin ta'uun shakkamtoota to'annaa jala oolchuuf qophiin eegalamuus ibsaniiru.  

Yeroo ammaa kanas ummata buqqa'anii turan walitti qabuUn akka deebi'anii dhabataniif hojjatamaa jirachus himanii jiru.

Kessumattuu buqqaatota rakkoo hamaa keessa jiraniif duursa laachun iddo kennuun, nyaataa, meshalee qoonnaa akkasumaas gargarsaa adda adda kennaa jirachus himaniiru.

Shakkamtoota haala barbaaddamuun seeratti dhiyeessun kan dadhabame hoogganasi sadarkaan jiru shakkamaa dabarsee laachuuf fedhii dhabuu isaatini ta’uu aadde Muferiyaat ibsaniiru.  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015