Itiyoophiyaatti xiyyeeffannoon damee qonnaaf kenname dhiheessii fi qulqullina oomisha gabaa alaarratti bu’aa fideera.

58

Sadaasa 13/ 2015 (TOI) Xiyyeeffannaan addaa damee qonnaaf kenname qulqullinaa fi dhiheessii oomisha gabaa alaarratti bu’aa qabatamaa fiduusaa waldaan ergitoota midhaan dibataa fi dheedhii Itiyoophiyaa beeksise.

Sababa weerara kooviidii fi kanneen birootiin sochiin daldala alaa addunyaa dadhabuu isaatiin biyyoonni hedduun rakkoo guddaa keessa darbuunsaanii ni beekama.

Itiyoophiyaanis kanuma keessa waan darbiteef keessuma ergitoota midhaan dibataa fi dheedhii irratti dhiibbaa akka fide nu dubbatama.

Bara 2014 irraa kaasee Itiyoophiyaan damee qonnaaf xiyyeeffannaa addaa  kenniteen qulqulinaa fi dhiheessii oomisha gabaa alaa irratti bu’aa mul’atu fiduu isaa waldaan ergitoota midhaan dheedhii fi dibataa Itiyoophiyaa beeksiseera.

Walitti qabaan boordii waldichaa ob. Sisaayi Asmaaree akka jedhanitti, dameen kun deebi’ee bayyanachuunsaa ergitootaaf carraa gaarii uumeera.

Oomisha hedduu gabaa biyya alaaf erganii galiisaanii akka guddifatan gumaacha olaanaa taasisaa akka jiru eeraniiru.

Waldichi ministeera daldalaa fi walitti hidhiinsa riijinii waliin ta’uun Saliixa meetiriik toonii 230 biyya alaatti erguuf qophiirra akka jiru eeraniiru.

Qaamolee oomisharraa kaasee amma biyya alaatti dhihaatutti hirmaataniif leenjii dhimma kanaan wal qabate kennaa akka jiru dubbataniiru.

Waldichi qonnaan bultootaaf oyiruu irraa kaasee amma xumura oomishaatti deeggarsaa fi hordoffii taasisaa akka jiru eeraniiru.

Dubaayitti hojii raawwachiisaan olaanaa konfedereeshinii midhaan dibataa idil addunyaa Reendii Daakureet, xiyyeeffannaa Itiyoophiyaan dame qonnaaf kenniteen oomishoonni qulqullina qaban gabaa addunyaaf dhihaachaa akka jiran ibsaniiru.

Midhaan dheedhii fi dibataa sharafni alaa olaanaa kan irraa argamu ta’uus eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015