Jiddugalli rabsa humnaa Adaamaatti ijaarame hojii jalqabe - ENA Afaan Oromoo
Jiddugalli rabsa humnaa Adaamaatti ijaarame hojii jalqabe
Sadaasa 13/2015(TOI) - Jiddugalli humna ibsaa Adaamaatti ijaarama tajaajila laachuu jalqabuu Tajaajilli Humna Ibsaa Itoophiyaa beeksiseera.
Tajaajillichi gaazexeesitootaa miidiyaalee adda addaarra walitti dhufan jiddugalicha daawwachiiseera.
Hoji geggeessaan Tiraansimiitaraafi Sab-isteeshiinii Humna Ibsaa Itoophiyaa obbo Kibiroom Ambiroom akka himanitti jiddugalli kun humna meeggaa waatii 250 dhiheessuu kan danda'udha.
Jiddugalli kun harka caalaan kayyoon isaa paarkiwaan indasirii humna ibsaa akka argataan taasisuu ta'uus himaniiru.
Ijaarsa pirojeektii kanaaf doolaarri miliyoona 13.5 kan baasii ta'e yoo ta'u baasii kanas guutuummaan guutuutti baasii kan godhe mootummaadha jedhaniiru.
Jiddugalli kun yeroo ammaa humna dhiheessuu danda'uu himanii, haala dhiheessii humna Adaamaattis kan fooyyeessuu ta'uu himaniiru.