Imbaasiin Chaayinaa haala kennisa tajaajilaa magaalichaa fooyyessuuf kan tajaajilan meeshaalee elektiroonisii deeggarsa taasise.

75

Sadaasa 12/2015(TOI) - Imbaasiin Chaayinaa haala kennisa tajaajilaa magaalaa Finfinnee fooyyessuuf kan tajaajilan meeshaalee elektiroonisii gosa adda addaa deeggarsa taasise.

Deeggarsi imbaasichi taasise haala kennisa tajaajila magaalichaa kan ariifachiisu ta'uu Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee karaa miidiyaa hawaasummaa isaanii beeksisaniiru.

Bulchiinsi magaalichaa haala kennisa tajaajila caalaatti fooyyeessuuf hojii hojjechaa jiruuf deeggarsa imbaasiin Chaayinaa taasiseef galateeffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015