Tajaajilli odeeffannoofi nageenyaa biyyaalessaafi Tajaajilli nageenya waliigalaa Sudaan waliin hojjechuuf waliigaltee isaan dandeesisu mallateessan. - ENA Afaan Oromoo
Tajaajilli odeeffannoofi nageenyaa biyyaalessaafi Tajaajilli nageenya waliigalaa Sudaan waliin hojjechuuf waliigaltee isaan dandeesisu mallateessan.
Sadaasa 12/2015(TOI) - Tajaajilli odeeffannoofi nageenyaa biyyaalessaa Itoophiyaafi Tajaajilli nageenya waliigalaa Sudaan waliin hojjechuuf waliigaltee isaan dandeesisu mallateessan.
Jilli daarektara tajaajila odeeffannoofi Nageenya biyyaalessaa Itoophiyaa jeneraal Tamasgeen Xurunee durfamu Sudaan Kaartumitti Tajaajila nageenya waliigalaa Sudaanitti daarekatar Jeneraal kan ta'an Ahimad Ibiraahimiifi hoggantootaa dhaabbatichaa biroo waliin dhimma odeeffannoofi nageenyarratti mariyataniiru.
Dhaabbilee odeeffannoofi nageenyaa kun walitti dhifeenya jiru caalaatti cimsuun biyyoonni ollaa ta'an lameen nageenya lammilee biyyoota lameeniif gahee olaanaa qabaachuusarratti bali'inaan mariyataniiru jedhameera.
Marii kana boodas dhimmoota odeeffannoofi nageenyarratti waliin hojjechuuf waliigaltee isaan dandeesisu mallateessaniiru jedhameera.
Waliigalteen kunis dhaabbileen kunneen dhimmoota waloo ta'an irratti muuxannoo waljijjiruufi odeeffannoo waljijjiruu, yaaddoo qaxanichaa kan ta'e shororkeessummaa waliin qolachuu, yakkoota daangaa darban waliin ittisuu, lammilee biyyoota lamanii nagaan akka jiraataniifi sosochoo'uuf akka danda'an nageenya isaan dandeesisuu mirkaneessuufi waantoota lammilee biyyoota lamaanii mishaan waloon irratti qabsaa'uuf walii galan.
Jilli obbo Tamasgeen Xuruneen durfamuu turtii isaa Sudaan Kaartumitti guyyoota lama ture keessatti dursaa mana maree birmadummaa Sudaan Abdulfattaa Albuhaariifi itti aanaa Mana maree birmadummaa Sudaan Mohaammad Amdaan Dagaaloo waliin wal argee dhimmootaa nageenyaafi tasgabbii biyyoota lamaanii irratti mariyachuu Waajjirri Tajaajilichaa odeeffanno miidiyaaleef ergeen beeksiseera.