Magaalaa Finfinneetti lafti heektaarri 90 tajaajila malee yeroo dheeraaf dalleeffamee ture Waliigalteen isaa addaan cite

65

Sadaasa 12/2015 (TOI)  Magaalaa Finfinneetti lafti heektaarri 90 tajaajila malee yeroo dheeraaf dalleeffamee ture Waliigalteen isaa addaan cituusaa biiroon misooma lafaa fi bulchiinsaa magaalattii beeksise.

Dhaabbilee fi namoonni dhuunfaan magaalattiitti argaman lafa tajaajila malee yeroo dheeraaf dalleessanii turan walii galteen isaanii akka addaan citu taasifamuusaa itti gaafatamaan biiroo doktar Qana’aa Yaadataa dubbataniiru.

Kanneen walii galteen isaanii addaa cite keessaa bara 1997 irraa kaasee lafa fudhatanii kan hin misoomsine akka jiran ibsanii, lafti kun namoota misoomsaniif caalbaasiin akka kennamu dubbataniiru.

Itti fufuunis, pirojektoonni ijaarsisaanii eegalamee hin xumuramne kuma 1 fi 200 amma Waxabajjii 30/2015tti akka xumuran ofeeggannoon kennamuusaa ibsaniiru.

Dhimmoota bulchiinsa lafaa Finifinneerra jiran kanneen akka hattummaa fi saamicha lafaa, dame kana ammayyeessuu dadhabuu akkasumas haqa waliin wal qabatan adda baasuun furmaata laachuuf kallattiin kaa’amuusaa doktar Qana’aa himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015