Oromiyaatti misooma jallisii bonaan lafa heektara kuma 200 irra sanyiin Qamadii facaafameera.

108

Sadaasa 10/2015(TOI)- Naannoo Oromiyaatti misooma jallisii bonaan lafa heektara kuma 200 irra sanyiin Qamadii facaafamuu Itti aanaa Pirezidaantii naannichaa obbo Awwaluu Abdii himan.

Godina shawaa bahaa ganda Waaqee Mi'aatti misoomni oomisha Qamadii jallisii bonee sadarkaa naannichaatti kan jalqabsiisee ta'us naannicha bakkee adda addaatti garuu dursee hojiin kun jalqabamuun ni yaadatama.

Itti aanaa Pirezidaantii naannichaa obbo Awwaluu Abdii sagantaa kanarratti akka himanitti Bona kana naannichatti lafa heekataaraa miliyoona 1 jallisiin Qamadii irra facaasuuf hojjetamaa jira.

Haga ammaattis lafa heektaaraa kuma 200 qamadiin faca'uu himanii, bara darbe naannichatti lafa heektaara kuma 600 irra jallisiin Qamadiin misoomuu himaniiru.

Mootummaan naannichaa misooma jallisiin qamadii oomishuun yeroo gabaabaa keessatti bu'aa abdachiisaa argachuu himanii, bu'aan argames wabii nyaataan of danda'uuf kan dandeesisudha jedhaniiru.

Karooricha galmaan gahuuf Tiraaktera Qonnaa, Paampota bishaan harkisan, xaa'oo biyyoofi sanyii filatamaa haala barbaadamuun mootummaan dhiheessa jiraachuu himaniiru.

Duulli hiyyummaa ballessuuf taasifamaa jiru akka milkaa'uuf aadaa hojii jijjiruu irraa jalqabee hawaasa biratti hojiin baay'een hojjetamuu himanii jijjirama gama kanaan muli'ate keessa milisomni jallisii Qamadii isaa tokkodha jedhaniiru.

Bulchaan godina shawaa bahaa obbo Abaabbuu Waaqoo akka himanitti godinichatti bara kana misooma jallisiin lafa heekataara kuma 200 misoomsuuf karoorfamee hojjetamaa jira.

Haga ammaattis lafa qonna kanaaf qophaa'ee heektaara kuma 51 keessaa lafa heekataara kuma 27 irra sanyiin faca'eera.

Qonnaan bultoonni oomisha gahe walitti qabuun cinaatti misooma jallisii Qamadiif ooyiruu qopheessaa jiraachuu himaniiru.

Qamadiin yeroo ammaa facaafamaa jiru kun guyyoota 90 hanga 100tti akka gahus himaniiru.

Itti gaafatamaan waajjira qonnaa godina shawaa bahaa obbo Masfin Tashoomaa gama isaaniin akka himanitti godinichatti karoora misooma jallisii bonaan Qamadii oomishamuuf
jiru milkeessuuf xaa'oo boyyoo kumtaala kuma 400 fi sanyii filatamaa kumataala kuma 300 dhiheessaa jira.

Godinichatti aanaalee 10 gandoota 136 hojiin misooma jallisii kun hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Hojii misooma qonna jallisii kana tekinolojiifi ekteeshinii guutuun qonnarra jalqabuun deeggaruun callaa kumtaalaa miliyoona 6.7 argachuu karoorfameera jedhaniiru.

Hojii bara darbeerra muuxannoo fudhachuun hojii kana bara kana dursinee waan jalqabneef milkaa'aa akka ta'an kan isaan taasisu ta'uu himaniiru.

Qonnaan bultoota gonichaa hojii misooma jallisii kana hojjechaa jiran keessa tokko obbo Burqaa Waaqayyooti. Akka isaan jedhanitti
lafa heektaaraa 1 irraa qamadii kumtaala 75 argachuu himaniiru.

Bara kana lafa heekataara 4 jallisiin qamadii oomishuuf qopheeffatan keessaa lafa heekataara tokko irra sanyii facaasuun haala gaariin kan margeef ta'uu himaniiru.

Bara kana mootummaan paampii bishaan harkisu, tiraaktera qonnaa, sanyii filatamaafi xaa'oo biyyoo yeroon waan dhiheesseef isaanis dursanii gara hojiitti galuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015