Mariin hariiroo obolummaa cimsu sadarkaa aanaaleetti itti fufee jira

55

Eebla 29/2011 Mariin hariiroo obbolummaa cimsu guyyaa kaleessaa sadarkaa godinaa fi maagaalota gurguddooti jalqabe guyyaa har’aa sadarkaa aanaaleetti itti akka itti fufe ibsame.


Marii guyyaa kaleessaa sadarkaa godinaa fi magaalota gurguddootti gaggeeffameen duudhaa gaggaarii waliin jireenyaa ummattoota walitti hidhee fi tokkoomsee dhalootaa gara dhalootaatti cehaa dhufe cimsachuun akka barbachisu walii galtee irra ga'amee jira jedhameera.

Ragaan Biiroo Koomunikeeshinii Oromiyaa Irraa arganne akka ibsutti shira daldaaltoota siyaasaa irraa of eeggachuun bu’uura cimaa nageenyaa, misoomaa, guddinaa fi badhaadhinaa waliin taasifachuun tokkummaa fi jaalalaan fulduratti tarkaanfachuun akka dandanda’amu ejjennoon qabatamee jira. 


Walitti bu’iinsii fi wal-buqqisuun shira daldaaltota siyaasaa irraa kan madde malee bu’uura ummattootaa kan hin qabne ta’uurrattis waliigaltee irra ga’amuus ibsamee jira..  

Mootummaan dirree demokraasii bal’isuu sababa jedhuun mirgi midiyaaleedhaaf kenne gaarii ta’ullee, miidiyaaleen tokkoo tokko sadarkaa mirga ofii itti shaakalan walaalurraa kan ka’e duudhaa waliin jireenyaa ummattootaa booreessaa jirus jedhameera.  

Waan ta’eefis mootummaan luugama itti gochuu akka qabu ibsamee jira.  

Dirree demokraasii bali’ate keessatti paartileen siyaasaa ejjennoo siyaasaa qaban walabummaan akka tarkaanfachiisaniif mirgi hin daangofne kan kennameef ta’ullee, jaarmiyaalee gama tokkoon qabsoo karaa nagaa jechuun gama biraatin ammoo ummataa fi ummata walitti buusan  mootummaan ol’aantummaa seeraa kabachiisuu qaba kan jedhus akka ejjennootti qabatameera jedhame. 

Guyyaa hari’aatis mariin walfakkaatu sadarkaa aanaaleetti gaggeeffamaa kan jiru yommuu ta’u, duudhaalee gaggaarii waliin jireenya ummattootaa shira daldaaltoota siyaasaa irraa baraaruun bu’uura misoomaa, nageenyaa, guddinaa fi badhaadhina waliinii taasifachuun akkaataa guddinaan waliin tarkaanfachuun danda’amurratti mari’atamuun ejjennoon ni qabatama jedhamee eegama.

Marii kanarratti ummattoonni oboleewwanii aanaalee Oromiyaa fi daangaa naannolee olla keessatti argaman ni hirmaatus jedhamee jira.   

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015