Atileetiiksiin Itiyoophiyaa fayyadamummaa dinagdeef ashaaraa isaa gumaachaa jira

97

Sadaasa 10/2015()TOI  Atileetiksiin Itiyoophiyaa fayyadamummaa dinagdee biyyaatiif ashaaraa isaa gumaachaa akka jiru pirezidaantiin federeeshinii atileetiksii Itiyoophiyaa komishinariin itti aantuu atileet Daraartuu Tulluu ibsite.

Yaa’iin walii galaa 26ffaa federeeshinii atileetiksii Itiyoophiyaa magaalaa Samaraatti adeemsifamaa jira.

Baniinsa yaa’ii kanarratti qabxiin Itiyoophiyaan dorgommiiwwan idil addunyaatti galmeessisaa jirtu jajjabeessaa ta’usaafii akka biyyaattis fayyadamummaa dinagdeef ga’eesaa ba’aa jira jedhan itti aantuu komishinaraa atileet Daraartuu Tulluu.

Dorgommiiwwan biyya bakka bu’uun  taasifamanirratti bu’aa Itiyoophiyaa boonsu galmeessisaa akka jiran dubbatteetti.

Bu’aa shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa waggaa darbe turanii fi dorgommiiwwandargaggootaa kan birootiin galmaa’e akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

 “Bu’aa argameef iccitiin guddaan anaaf osoo hin jedhiin nuhiif jechuun gamtaan waan hojjetameefi” jetteetti.

Fuulduras atileetiksii kana caalaatti guddisuuf ijaarsa bu’ura misoomaa ispoortiif xiyyeeffannaa kennamuu akka qabu ibsiteetti.

Yaa’iin kun gaaffiimiseensummaa federeeshinii atileetiksii Itiyoophiaa kibba lixaa ni raggaasisa jedhameetu eegama.

Dhimma umurii fi kanaan wal qabatanirratti mari’achuun, danbii ittiin bulmaataa federeehinichaa fooyya’e irratti mari’achuu dabalatee ajandaawwan addaddaa irratti ni mari’atama.

Akkasumas raawwii hojii fi hojii faayinaansii irratti mari’achuun raggaasisuu dabalatee federeeshnichi naannolee fi bulchiinsota magaalaaf badhaasa jajjabeessituu ni kenna jedhameetu eegama.

De’eetaa ministiraa aadaa fi ispoortii ambaasaaddar Masfin Charinnat dabalatee miseensonni hojii raawwachiiftuu federeeshinichaa fi gaggeessitoonni federeeshinii atileetiksii naannoo yaa’ii kanarratti argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015