Ejensiin walta’iinsa misoomaa Xaaliyaanii misooma qarqara lagaa Finfinneef yuuroo miiliyoona 5 deeggarsa taasise

230

Sadaasa 9/2015(TOI)  Ejensiin walta’iinsa misoomaa Xaaliyaanii misooma qarqara lagaa Finfinneef yuuroo miiliyoona 5 deeggarsa taasisuusaa Kantiibaa Adaanech Abeebee beeksisan.

Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee Itiyoophiyaatti abgaasaaddara Xaaliyaanii Agostiinoo Paaleesee fi jila isaanii waliin mari’ataniiru.

Kantiibaa Adaanech Abeebee marichaanbooda fuula marsariitii isaaniirratti ergaa barreessaniin, dhimma misooma qarqara lagaa malaalaa Finfinneetti adeemsifamaa jiru ilaalchisuun ambaasaaddarichaa fi jila isaanii waliin marii bu’a qabeessa taasifneerra jedhaniiru.

Marii kanaanis misooma qarqara lagaa malees misooma dirreewwan taphaa jiddu galessaa fi wal jijjiiraa aadaa ilaalchisee waliin hojjechuuf walii galuusaanii ibsaniiru.

Ejensichi pirojektii misooma qarqara lagaaf yuuroo miiliyoona 5 gumaachuu isaatiif Kantiibaa Adaanech galateeffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015