Atileetonni Keeniyaa beekamoon dorgommii fiigicha guddicha irratti keessummaa kabajaa ta’uun ni hirmaatu

124

Sadaasa 9/2015 (TOI) Atileetonni Keeniyaa beekamoon dorgommii fiigicha guddicha irratti keessummaa kabajaa ta’uun akka hirmaatan fiigichi guddichi  Itiyoophiyaa beeksise.

Akka kanaan atileetiin fiigicha dheeraa lammii Keeniyaa Peereez Jeepchirchir fi atileetiin Keeniyaa fiigicha dheeraa duraanii Mooses Taanuuyi Itiyoophiyaatti fiigicha guddaa idil addunyaa dorgommii kiiloo meetira 10 taasifamurratti keessummaa kabajaa ta’uun ni argamu.

Dorgommiin kun ka’umsaa fi xumura isaa addababayii Masqalaa taasisuun iftaan ni adeemsifama.

Atileetiin Keeniyaa Peereez Jeepchirchir dorgommii kana irratti argamuuf har’a Finfinnee galuushee Itiyoophiyaatti fiigichi guddichi ibsa TOIf ergeen beeksiseera.

Peereez akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 2016 fi 2020 yeroo lamaaf dorgommii addunyaa walakkaa maaraatoonii mo’atteetti.

Atileetiin Keeniyaa fiigicha dheeraa duraanii Mooses Taanuyi dorgomicharratti akka argamu beekameera.

Umriin isaa waggaa 57 kan ta’e Taanuuyi bara 1993 shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa afraffaa meetira kuma 10 Jarman Istuutgaartitti taasifameen atileettii ajajaa kumaa Hayilee Gabrasillaaseetti aanee lammaffaa bahuunsaa ni yaadatama.

Mosees Taanuuyi dorgommii maaraatoonii Keeniyaa magaalaa Eldoreetitti taasifamu olaantummaan ni qopheessa.

Atileetota Keeniyaa malees atileetonni Yugaandaa lama dorgommii Dilbata dhufu taasifamu irratti akka hirmaatan ibsameera.

Daayilii neeshin dabalatee miidiyaaleen Keeniyaa dorgommii kana gabaasuuf Finfinnee galuusaanii fiigichi guddichi Itiyoophiyaa beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015