Godinichatti dargaggoonni gurmaa'anii hojii qonnaa hojjechaa jiran milkaa'aa jiru

88

Sadaasa 9/2015(TOI) - Godina Baaleetti dargaggoonni gurmaa'anii hojii misooma qonnaa hojjechaa jiran milkaa'aa jiraachuun himamee.Godinicha aanaa Agaarfaatti ooyiruun daraggoota gurmaa'uun hojii misooma Qonnaa hojjechaa jiranii qaamolee qooda fudhatoota adda addaan daawwatameera.

Aanichatti dargagoonni waldaan gurmaa'uun Garbuu Biiraafi Qamadii lafa heektaraa 500 irratti kilaasteeraan oomishaa jiranitu daawwatame.

Daraggootaa gurmaa'anii hojii kana hojjechaa jiran keesaa tokko Hasan Amiinooti.

Akka inni himetti deeggarsa koolleejjii qonnaa Agaarfaarraa argataniin lafa heektaaraa 10 irratti Garbuu Biiraaf ta'u oomishaa jiraachuu himeera.Hojii kana xiqqoon kan jalqabne ta'uus yeroo ammaa haala gaarii irra jira jedheera.

Daraggoonni biroos hojii misoomaa naannoo isaaniitti ta'u filatanii gurmaa'anii akka hojjetan dhaameera.

Dargaggoo Muktaar Mahaammad gada isaan bara darbe lafa heektaraa tokko irraa qamadii kumataalaa 48 argachuun fayyadamaa ta'uu himanii, bara kana immoo caalaatti bu'a qabeessa ta'uuf hojjechaa kan jiran ta'uu himaniiru.

Filannoo bishaanii jiru ilaaluun hojii kana malees misoomaa biroorratti hirmaachuuf karoora kan qaban ta'uu himaniiru.Itti gaafatamaan waajjira Carraa hojii uumuufi ogummaa Godinichaa obbo Caalchisaa Zawudee akka himanitti godinichatti bara bajataa kana dargaggoota hoji dhabeenyii kuma 60 hojiitti galchuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Haga ammaattis dargaggootaa kuma 17 carraa hojii uumamuu himaniiru.Carraan kunsi bal'inaan kan irratti umamee misooma Qamadii, Garbuu biiraafi fuduraafi kuduraa irratti ta'uu himaniiru.

Haga ammaatti godinichatti waldaan gurmaa'anii akka hojjetaniif lafti heektaarri 1400 dhihaateefii bara oomishaa kana irratti oomishaa jiraachuu himaniiru.

Daraggootaa damee qonnaa irratti gurmaa'anii hojjetan malees waldaalee xixiqqaan kanneen gurmaa'anii hojii adda addaa hojjetaniif birriin miliyoona 6.6 dhihaachuufii himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015