Bara kana lammiilee miiliyoona 3 oliif carraa hojii uumuuf karoorfmeera MM Abiy Ahimad

82

Sadaasa 6/2015(TOI) - Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad Yaa’ii Idilee 4ffaa bara hojii 2ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa har'a taa'ameerratti gaaffii miseensoota mana maree irraa dhihaateef ibsaafi deebii yeroo kennanitti akka jedhanitti bara kana Bara kana lammiilee miiliyoona 3 oliif carraa hojii uumuuf karoorfameera.

Itoophiyaa keessa hojii fi hojjetaan jira,isa kana walitti fiduutu barbaachisa jedhaniiru. Gama kanaan Ministeerri hojii fi Ogummaa xiyyeeffannaan hojjetaa jiraachuu himaniiru.

Hojiin carraa hojii uumuu hojjetama jirus baratoota Yuunivarsiitiirraa eebbifama qofaa jiddugala kan godhate miti jedhaniiru.Lammileen baay'een barnoota sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa xumuranii carraan hojii akka uumuuf kan barbaadan ta'uu himaniiru.

Lammilee sadarkaa barnootaa hundarra jiraniif carraa hojii uumuuf hunduu waldeeggaree akka hojjechuu qabu dhaamaniiru.

Carraa hojii uumuu jechuun rakkoowaniif furmaata barbaaduu akka ta'e hubatamuun rakkowaan bakkee adda addaatti muli'achaa jiran furuuf carraa hojii uumurratti xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabus dubbataniiru.


Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015