Itoophiyaan oomisha Ruuzii, Boqqoolloofi Fuduraalee gabaa biyya keessaa bira dabartee carraa gabaa alaatti erguu qabdi - MM Abiy Ahimad

75

Sadaasa 6/2015(TOI) - Itoophiyaan oomisha Ruuzii, Boqqoolloofi Fuduraalee gabaa biyya keessaa bira dabartee carraa gabaa alaatti erguu qabdi jedhan Ministirri Muummee FDRI Abiy Ahimad gaaffii miseensoota mana maree bakka bu'oota uummataa ibsaafi deebii laachaa jiraniin.

MM doktar Abiy Ahimad Itoophiyaan haala mijataa Ruuzii, Boqqoolloofi fuduraalee oomishuu dandeesisu qabdi jedhaniiru.

Bara bajata 2014 Ruuzii kumtaala miliyoona 5 gabaa alaarraa galuu himanii, bara kana garuu Naannoo Amahaaraa, Oromiyaafi Naannoo Kibbaatti Ruuzii oomishuun oomisha kumtaala miliyoona 8 olitu eeggama jedhaniiru.

Kun immoo oomisha ruuzii alaa galu kan hambise yoo ta'u bara dhufu carraa oomisha Ruuzii gabaa alaaf dhiheesuu ni jira jedhaniiru.

Itoophiyaatti waggaa tokko osoo hin guutii Paappaayyaa hundee tokkoo haga firii 90 godhachuu danda'u lafa heektaara 7 irratti oomishuun danda'ameera jedhan.

Akkuma Qamadii fuduraa gabaa alaatti arguuf humni kan jiru ta'uu himaniiru.

Dabalataan waggoota arfan darban ashaaraa magariisaa malee biqiltoota bunaa haaraa miliyoona 4.7 dhaabameera jedhaniiru.

Kanaanis oomishinni bunaa kan bara darbeen yoo madaalamu haraka 20 akka guddatu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015