MM doktar Abiy Ahimad bor Mana Maree Bakka bu'oota Uummataaf ibsa ni laatu. - ENA Afaan Oromoo
MM doktar Abiy Ahimad bor Mana Maree Bakka bu'oota Uummataaf ibsa ni laatu.
Sadaasa 5/2015(TOI) - Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad bor gaaffii Mana Maree Bakka bu'oota Uummataaf ibsa ni laatu.
Manni Maree Bakka bu'oota Uummataa FDRI 6ffaa bara hojii 2ffaa isaan sadaasa 6/2015 yaa'ii idilee isaa 4ffaa bar gana saatii 2: 30 irraa jalqabee kan geeggeessu ta'uu daarektarri kominikeeshii mana marichaa Tajaajila Oduu Itoophiyaatti himeera.
Yaa'ii idilee kanaan haasaa Pirezidaantiin FDRI Saahilewariq Zawudee Fulbaana 30/2015 yaa'ii waloo Mana maree bakka bu'oota uummaataa fi mana maree Federeshiiniif taasisaan irratti gaaffii bakka bu'oota mana maree irraa dhihaatu deebiifi ibsa kan laataan ta'uun himameera.
Kanaanis manni marichaa ejjennoo mootummaa hubachuun deeggarsa mooshinii ni mirkaneessa jedhameera.
Yaa'ii kanarratti ambaasaaddaroonnifi bakka bu'oonnii dhaabbilee idil addunyaa Finfinnee teessoo isaanii taasifatan, abbootiin amantaafi kanneen waamichi taasifameef ni argamu jedhameera.