Dhukkubsatoonni dhukkuba sukkaraa dhukkubsatan Haala to'annaa dhukkuba sukkaaraa baruun rakkoon dabalataa akka isaan hin mudanne to'achuun ni danda'ama - Ministeera Fayyaa

100

Sadaasa 5/2015(TOI) - Dhukkubsatoonni dhukkuba sukkaraa dhukkubsatan Haala to'annaa dhukkuba sukkaaraa baruun rakkoon dabalataa akka isaan hin mudanne to'achuun akka danda'amu Ministirri Fayyaa doktar Liyaa Taaddasaa beeksisan.

Guyyaan dhukkubba Sukkaaraa akka addunyaa fi biyyaatti bara kana yeroo 33ffaaf ''Barnoota dhukkuba Sukkaara ofeeggannoo boruuf'' /Diabetes Education to protect Tomorrow/ mata duree jedhuun har'a kan kabajamu ta'uu doktar Liyaan himaniiru.

Gosa dhukkuba sukkaaraa 2ffaa (Type 2) haala jireenyaa fayya qabeessa hordofuun keessayyuu nyaata madaalamaa soorachuu, Ispoortii hojjechuun(Sochii qaamaa taasisuun) fi Tamboo xuuxuu dhiisuun ittisuun ni danda'ama jedhaniiru.

Kanneen dhukkuba kana dhukkubsatan haala kana hordofuun cinaatti waa'ee dhukkubana kanaarratti barnootaafi hubannoo gaarii argachuun rakkoo biroof akka hin saaxilamne gochuu ni danda'u jechuun miidiyaa hawaasummaa isaanirratti ergaa dabarsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015