Atileet Xurunesh Dibaabaaf Nishaaniin addaa laatame.

109

Sadaasa 5/2015(TOI) - Komiishiniin mana amala sirreessaa Federaalaa Shaampiyooniin Olompiikii Addunyaa Atileet Xurunash Dibaabaaf Nishaanii addaa laateera.

Komiishiniichi atileetoota kilabii mana amala sirreesichaa milkaa'ina guddaa argamiisaniif gulantaa guddinaa kenne.

Haaluma kanaan atileet Xurunesh Dibaabaa Niishaanii adda kan badhaasee yoo ta'u, atileet Sanbaree Tafariif ammoo gulantaa Gargaartuu Komaandaraa kenneefira.

Atileet Yaasin Hajjii fi Hayilamaariyaam Amaaree gulantaa Gargaaraa Inispeektaraa argataniiru.

Atileet Tigisti Girmaa fi Tsahaayi Gammachuu gulantaan Gargaartuu Saajiin kennameefii jira.

Komiishinichi kanaan dura Pireezidaantii Federeeshinii Atileetiksii Itiyooophiyaa Daraartuu Tulluu fi leenjisaa Huseen Shibootiif gulantaa Gargaaraa Komiishinaraa kennuun ni yaadatama.

Komiishiniin Poolisii Naannoo Amaaraa torbee darbe atileetota 18’f gulantaa guddinaa kenneera. Federeeshinii atileetiksii Itoophiyaarraa odeeffanne

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015