Waliigalteen nageenyaa irra gahame karaa karoorfameen hojjiirra akka ooluuf Mootummaan hojjechaa jira.

136

Sadaasa 3/2015(TOI) - Waliigalteen nageenyaa Afrikaa Kibbaa Piritooriyaatti taasifame karaa koroorfameen akka hojiirra oolu mootummaan Itoophiyaa hojjechaa jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.

Haaluma kanaan Naannoo Tigiraay bakkeewwan Raayyaa Ittisa Biyyaa jala jiranitti deeggarsi namoomaa akka qaqqabu taasifamaa jira. Bakkeewwan kanatti tajaajilli hawaasummas suuta suutaan jalqabamaa jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibsa baaseen eeree.

Bakkeewaan biroottis taajiloota jalqabsiisuufi bu'uuraalee misoomaa hidhatootaan manca'an deebisee suphuuf haalli mijataan qophaa'aa jira.

Gama biroon immoo haaluma waliigaltee nageenyaa taasifameen karoora haala hidhatoonni ABUT itti hiikkatan irratti Hoggansi Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaafi hoggansi hidhatoota ABUT Keeniyaa Naayiroobitti mariyataniiru.

Waliigalteen nageenyaa kun yeroo qabameef keessatti hidhatoonni haala hidhannoo hiikataniifi raayyaa Ittisa biyyaa Maqalee itti galurrattis waliigalteerra gahameera.

Karoorri kunis yeroo itti aanutii hojiirra oola jedheera. Karoorri kun karaa milkii qabuun akka hojiirra oolu hunduu gahee isaanirraa eegamuu qabu bahuu qabus jedheera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015