Yuunivarsiitoonni qabeenyaawwan dilbii naannolee horsiisee bulaafi gammoojjiitti argaman misoomaaf akka oolaniif Qorannoo fi Qo’annoon deeggaruu qabu jedhame

124

Sadaasa 3/2015(TOI)- Yuunivarsiitoonni qabeenyaawwan dilbii naannolee horsiisee bulaafi gammoojjiitti argaman misoomaaf akka oolaniif Qorannoo fi Qo’annoon deeggaruu qabu jedhame.

Yuunivarsiitoonni qabeenyaawwan dilbii naannolee horsiisee bulaafi gammoojjiitti argaman argaman misoomaaf akka oolaniif Qorannoo fi Qo’annoon deeggaruu akka qaban Ministeerri Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii waamicha dhiyeesseera.

Ministeerichi qabeenyaawwan dilbii naannolee horsiisee bulaafi Gammoojjiitti argaman faayidaa hawaasaaf oolchuuf Yuunivarstiiwwan gara garaa waliin mari’ateera.

Ministirri Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Injinar Hayishaa Mahammad waltajjicharratti ergaa dabarsaniin, dhaabbileen barnoota olaanoo qabeenyaawwan dilbii naannoo gammoojjii jiran adda baasuun, rakkoolee horsiisee bulaafi gar-tokkee qonnaan bulaa salphisuuf Qorannoo fi Qo’annoon deeggaruu akka qaban himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015